Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Job 28 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu,lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.

2Sibiilli lafa keessaa baafama;sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.

3Namni hamma dhuma dukkanaatti deema;moggaa akka malee fagoo dhaqees,dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.

4Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaateeiddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota;namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.

5Lafa irraa garuu nyaatatu argama;jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;

6dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti;biyyoon isaas warqee qaba.

7Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku;iji culullees karaa sana hin argine.

8Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne;leencis karaa sana hin darbine.

9Harki namaa dhagaa jabaa cabsa;hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.

10Inni kattaa keessaan karaa baasa;iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.

11Madda lageenii ni sakattaʼa;waan dhokfames ifatti ni baasa.

12Ogummaan garuu eessaa argamti?Hubannaanis eessa jiraata?

13Namni gatii isaa hin beeku;inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.

14Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha;galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.

15Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu;gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.

16Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiittiyookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.

17Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu;inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.

18Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman;gatiin ogummaa lula diimaa caala.

19Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu;warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.

20Yoos ogummaan eessaa dhufti ree?Hubannaanis eessa jiraatti?

21Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti;simbirroota shamaayʼun jalaas baddeerti.

22Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofagurra keenyaan dhageenye” jedhu.

23Allaah qofatu daandii gara ishee geessu hubatee,lafa inni jiraatus beeka;

24inni handaara lafaa ni ilaala;waan shamaayʼun jala jiru hunda ni argaatii.

25Inni yommuu bubbeedhaaf humna kenneebishaanota safaretti,

26yommuu bokkaadhaaf seera dhaabeebakakkaaf immoo daandii baasetti,

27inni ogummaa ilaalee madaale;jabeessee dhaabee ishee qorate.

28Ergasii ilmaan namaatiin,“Gooftaa sodaachuun ogummaa;waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]