Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Jeremiah 45 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dhaamsa Baarukitti Ergame

1Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas nabiiʼiyyichi Baarukitti himes kanaa dha: 2“Yaa Baaruk, Rabbii Allaahan Israaʼel akkana siin jedha: 3ati, ‘Anaaf wayyoo! Rabbii Allaahan dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette. 4Rabbii Allaahan akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Rabbii Allaahan akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa. 5Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Rabbii Allaahan.’ ”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]