Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Jeremiah 45 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Waadaa Waaqi Baaruukiif Gale

1Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Neriiya'aa Baaruk waan Ermiyaas afaaniin isatti himuun inni kitaaba maramaa irratti barreesseen duuba, dubbiin Ermiyaas Baarukitti dubbate ta asii gad jirtu: 2Ee Baaruk, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, 3«Ati, ‹Mootiin Waan Maraa miidhama kiyya irratti gadda waan dabaleef naaf aanne'e; ani aadiisaan dadhabee foora dhabeera› jetteerta.

4«Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Lafa Yihuda'aa mara irratti waan ijaare hin diiga; waan dhaabe hin buqqisa. 5Ati waan guddoo ifiif halchitaa? Lakkii, ani nama mara irratti badii waan fiduuf, tana hin halchin. Addee dhaxxe maratti ammoo akka ati hin duune hin godha› jedha» jedhe.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]