Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Jeremiah 45 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dhaamsa Baarukitti Ergame

1Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas raajichi Baarukitti himes kanaa dha: 2“Yaa Baaruk, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana siin jedha: 3ati, ‘Anaaf wayyoo! Waaqayyo dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette. 4Waaqayyo akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Waaqayyo akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa. 5Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Waaqayyo.’ ”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]