Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Esther 10 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Guddina Mordekaayi

1Ahashweroos Mootichi hamma qarqara galaanaatti bulchiinsa isaa guutuu irratti gibira buuse. 2Hojiin humnaa fi jabina isaa hundinuu, seenaa guddina Mordekaayi kan mootichi itti ol isa guddise guutuu wajjin kitaaba seenaa mootota Meedee fi Faares keessatti barreeffameera mitii? 3Mordekaayi Yihuudichi sadarkaadhaan nama Ahashweroos Mootichatti aanu ture; inni sababii uummata isaatiif waan gaarii hojjetee fi sababii nageenya Yihuudoota hundaatiif falmeef obboloota isaa Yihuudoota hedduu biratti ulfina guddaa qaba ture.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]