Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Esther 10 guj

Side by side with the Father's Heart Bible™

Mordekaayi Ulfinna Guddaa Dhaggate

1Mootichi Ahashiweros lafa mootummaan isaa geette maraa fi oddoolota mootummaa isaa jala jiranu mara irratti gibira buuse. 2Wonni guddoon inni hunnaa fi jabeenna ifiitiin huje martinuu, mootichi attamiin akka Mordekaayi nama beekkamaa godhelle, kitaaba dabarsii mootota Medooniitii fi Faaresii keessatti barreeffanteerti. 3Mordekaayiin Yihudichi itti aanaa mooticha Ahashiwerosii ti; Yihudoota odduulle'etti nama ulfaata'aa fi nama jaalatama'a. Inni kolbaa ifiitiif waan dansaa waan hujee fi nageya sanyii isaanii maraaf waan dubbateef, Yihudoota hedduu oddu'utti nama ulfinna guddaa qabu.

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]