Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 My son, if you receive my words and store up my commandments within you, Ilma kiyya, jecha kiyya yoo fudhatte, ajaja kiyyalle qalbii teeti keessatti yoo bulfatte,
2 making your ear attentive to wisdom and turning your heart toward understanding; gurra keeti gara qarumma'aa yoo qabatte, gadhaa keetille gara hubanti'ii yoo deebifatte,
3 yes, if you call out for insight and raise your voice for understanding, beekkumsa guddaa yoo waammatte, hubanti'iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite,
4 if you seek it like silver and search for it as for hidden treasure, akka meeti'ii yookiin akka qabeenna dhoffameeruu, qarummaa yoo barbaadde,
5 then you will understand the fear of our Father and find the knowledge of our Father. ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta; beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta.
6 For our Father gives wisdom; from his mouth come knowledge and understanding. Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf, beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.
7 He stores up sound wisdom for the upright; he is a shield to those who walk in integrity, Inni worra qajeela'aaf, qarummaa kenna; worra komii hin qanneefille, wontee isaaniif te'a.
8 guarding the paths of justice and watching over the way of his faithful ones. Inni daandii haqaa hin toowata; karaa worra isaaf addatamuulle hin eega.
9 Then you will understand righteousness and justice and fairness—every good path. Achiin duuba ati balchumma'aa fi haqa, waan dhugaa te'ee fi daandii dansaa mara hin hubatta.
10 For wisdom will enter your heart, and knowledge will be pleasant to your soul; Qarummaan gara qalbii teetii waan dhuttuuf, beekkumsi si gammachiisa.
11 discretion will watch over you, and understanding will guard you, Qalbeeffatiis si hin eeddi; hubatiisille si hin toowatti.
12 rescuing you from the way of evil, from men who speak twisted things, Qarummaan karaa worra hama'aa irraa, worra dubbii micciiru irraa si hin dhooggiti;
13 who abandon the paths of uprightness to walk in the ways of darkness, worri akkasii kun karaa dukkanaa ideemiisaaf, daandii qajeelaa worra lakkisu;
14 who delight in doing evil and rejoice in the perversity of evil, waan hantuu godhiisatti worra gammadu; micciiramummaa hamaaleyyi'iititti worra firinxiixu;
15 whose paths are crooked, and who are devious in their ways. karaan isaanii micciirama'a; ideensi isaaniille daddaba'a.
16 Wisdom will rescue you also from the forbidden woman, from the stranger with her smooth words, Qarummaan dubartii gaarayyeeffattuu, ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattu jalaa si baachi.
17 who forsakes the companion of her youth and forgets the covenant of her Father. Dubartiin tun dhirsa dargagumma'aan heerumte lakkittee, waadaa Waaqa duratti galte deeteerti.
18 For her house sinks down to death, and her paths to the dead. Manni isi'ii gara du'aa, daandiin isi'ii gara ekera'aa geessa.
19 None who go to her return, nor do they reach the paths of life. Worri gara isi'ii dhaqu hin deebi'u yookiin daandii jiru'uu hin dhaggatu.
20 So you will walk in the way of the good and keep to the paths of the righteous. Maarre ati karaa namoota dansa'aa hin ideenta; daandii balchootaa irraa akka hin gorre hin eegatta.
21 For the upright will live in the land, and those of integrity will remain in it; Worri qajeelaan lafa irra hin le'an; worri yakkaa hin qannelle isii keessatti hin hafan.
22 but the wicked will be cut off from the land, and the treacherous will be torn away from it. Worri hamaan ammoo lafa irraa hin bada; worri hin addatanne isii irraa hin buqqa'a.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]