Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 My son, do not forget my teaching, but let your heart keep my commandments, Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin; ajajoota kiyya gadha'atti qabadhu.
2 for they will add length of days and years of life and peace to you. Isaan guyyoota sii ede'anee, woggoota hedduu si leesisan; qananumma'aa fi nageya sii kennan.
3 Do not let covenant love and faithfulness leave you; bind them around your neck, write them on the tablet of your heart. Mararti'ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin; morma keetitti hidhadhu; gadhaa keeti keessatti qabadhu.
4 So you will find favor and a good reputation with our Father and with people. Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.
5 Trust in our Father with all your heart, and do not lean on your own understanding. Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu; hubantii teetitti hin irkatin.
6 In all your ways know him, and he will make your paths straight. Karaa keeti maraan isa beeki; inni daandii teeti si'iif hin qajeelcha.
7 Do not be wise in your own eyes; fear our Father, and turn away from evil. «Ani qaro'o!» ifiin hin jedhin; Mootii Waan Maraa sodaadhu; waan hantuu irraa fagaadhu.
8 This will bring healing to your body and refreshment to your bones. Kun nafa keetiif fayyaa, lafee teetiifille jabeenna hin te'a.
9 Honor our Father with your wealth and with the firstfruits of all your produce, Qabeenna keetiin, midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan, Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.
10 then your barns will be filled with plenty, and your vats will overflow with new wine. Achiin duuba gootaraan keeti midhaaniin hin guutama; daadhiin teeti waabaa guutantee irra hin danbalaati.
11 My son, do not despise the discipline of our Father or be weary of his correction, Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin; xixicha isaalle hin jibbin.
12 for our Father disciplines the one his heart loves, just as a father disciplines the son he delights in. Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu, Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.
13 Blessed is the one who finds wisdom, and the one who gains understanding, Nami qarummaa dhaggatu, ka hubantii qabu ka gammade.
14 for the gain from her is better than gain from silver, and her profit better than gold. Qarummaan meetii caalaa bu'aa qaddi; worqii caalaalle fayyaddi.
15 She is more precious than jewels, and nothing you desire can compare with her. Qarummaan dooqa gatii guddo'oo caalaa gatii qaddi; waan ati halchitu keessaa ka isi'iin qixxawu hin jiru.
16 Long life is in her right hand; in her left hand are riches and honor. Harka isi'ii middicha keessa jiruu dheertu'utti jira; harka isi'ii bitaacha keessa durumma'aa fi ulfinnatti jira.
17 Her ways are pleasant, and all her paths are peace. Karaan isi'ii karaa gammadaa ti; daandiin isi'ii daandii nageyaa ti.
18 She is a tree of life to those who take hold of her; those who hold her fast are called blessed. Isiin worra jabeessee isii qabateef, muka jiru'uu ti; worri jabeessee isii qabate hin gammada.
19 Our Father by wisdom founded the earth; by understanding he established the heavens; Mootiin Waan Maraa qarummaa ifiitiin lafa dade; hubantii ifiitiin ol-gubbaa jabeessee dhaabe.
20 by his knowledge the depths burst open, and the clouds drop down the dew. Beekkumsa isaatiin qileen abbaayotaa gargar dayyaate, duumensille tiifuu tiife.
21 My son, do not lose sight of these; keep sound wisdom and discretion, Ilma kiyya, qarumma'aa fi qalbeeffata jabeessii qabadhu; isaan ila teeti duraa hin gorin.
22 and they will be life for your soul and an adornment for your neck. Isaan si'iif jiruu, morma keetiifille seesa hin te'an.
23 Then you will walk on your way securely, and your foot will not stumble. Achiin duuba ati nageyaan karaa keeti hin deenta; miilli keetille hin gufatu.
24 If you lie down, you will not be afraid; when you lie down, your sleep will be sweet. Yennaa irkattu hin sodaattu; yennaa rattulle hirriibi keeti mi'owaa hin te'a.
25 Do not be afraid of sudden terror, or of the ruin of the wicked when it comes, Yennaa balaan dedhuma worra hamaa irra dhaqqabu, ati hin sodaattu.
26 for our Father will be your confidence and will keep your foot from being caught. Mootiin Waan Maraa addii waan sii te'uuf, miila keeti tiyyoo irraa hin eega.
27 Do not withhold good from those who deserve it, when it is in your power to do it. Worra wonni dansaan malteef, waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu, waan dansaan godhiisa hin lakkisin.
28 Do not say to your neighbor, "Go, and come back, and tomorrow I will give it"—when you have it with you. Adoo harkaa qadduu, «Boru sii kennaatii, deebi'ii koy!» namaan hin jedhin.
29 Do not plot evil against your neighbor, who lives trustingly beside you. Nama si addatee si bira tee'u irratti waan hantuu hin yaadin.
30 Do not quarrel with anyone for no reason, when he has done you no harm. Adoo nami si hin miidhin, akkasumaan nama hin himatin.
31 Do not envy a violent man, and do not choose any of his ways, Nama hunnaan nama irratti ka'u hin halchin; karaa isaa tokkolle hin filatin.
32 for the devious person is detestable to our Father, but he takes the upright into his confidence. Sababille Mootiin Waan Maraa nama micciiramaa jibba; nama qajeelaa ammoo guddoo jaalata.
33 The curse of our Father is on the house of the wicked, but he blesses the home of the righteous. Mootiin Waan Maraa mana worra hama'aa hin abaara; mana worra balcha'aa ammoo hin eebbisa.
34 Toward the mockers he is scornful, but to the humble he gives grace. Mootiin Waan Maraa worra murgutti hin murga; worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna.
35 The wise will inherit honor, but fools get only disgrace. Worri qarooleen ulfinna hin dhaggatan; worri gowwooleen ammoo hin salphatan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]