Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The proverbs of Solomon, son of David, king of Israel: Fakkeenni Solomoonii ilma Daawitii, ka mootii Israa'elii ka asii gad jiranu:
2 To know wisdom and instruction, to understand words of insight, Isaan kun namooti qarumma'aa fi qajeelfama dansaa akka fudhatanu, jechoota beekkumsa ifi keessaa qabanu, akka hubatanu,
3 to receive instruction in wise conduct, in righteousness, justice, and fairness, balchumma'aa fi haqaan, waan dhugaa te'e godhiisaan, amala qarumma'aatiin qajeelfama akka fudhatanu,
4 to give prudence to the simple, knowledge and discretion to the young, worri beekkumsaan hin bilchaatin, hubantii akka qabaatanu, dargaggooti beekkumsaa fi, qalbii akka qabaatanu qarqaaran.
5 let the wise also hear and increase in learning, and let the one who understands gain guidance, Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee, barumsa ifii itti ede'atanuu ti; worri hubantii qabanulle qajeelfama irraa fudhatanuu ti.
6 to understand a proverb and a parable, the words of the wise and their riddles. Akka kanaan isaan fakkeennaa fi mammaassa, hiikkaa jedhi'iitii fi hiibboo worra qaroole'eelle hin hubatan.
7 The fear of our Father is the beginning of knowledge; fools despise wisdom and instruction. Qarummaan jalqabaa, Mootii Waan Maraa sodaatiisa; gowwooleen ammoo, qarumma'aa fi gorsa tuffatti.
8 Listen, my son, to your father's instruction, and don't turn away from your mother's teaching, Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage'i; barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
9 for they are a graceful garland for your head and pendants for your neck. Barsiisi isaanii, mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti; morma keetiifille, akka meya seesaaf diramee ti.
10 My son, if sinners entice you, do not give in. Ilma kiyya, cubbaaleyyiin yoo si hawadatte, tole hin jedhiniif.
11 If they say, "Come with us, let us lie in wait for blood, let us ambush the innocent without cause; Isaan yoo, «Nu woliin koy; dhiiga namaa dhangalaasiisaaf dhokannee gaadanna; nama yakkaa hin qanne, sababa malee miidhiisaaf kara'atti eeganna!
12 like the grave let us swallow them alive, and whole, like those who go down to the pit; Akka addee worri du'e jiru, akka worra gara boolla awwaalaa gad bu'uu, adoo isaan jiru'uu fi fayya'aan jiranuu, kowaa isaan liqinsinaa ti!
13 we will find all kinds of precious goods, we will fill our houses with plunder; Nuuti meya gatii guddo'oo ka gosa adda addaa hin dhagganna; mana keennalle waan saamanneen hin guutanna!
14 throw in your lot with us; we will all share one purse," Koy nu woliin hirmaadhu; waan hannaan fudhanne woliin qoodanna» yoo si'iin jedhane,
15 my son, do not walk in the way with them; hold back your foot from their paths, Ilma kiyya, isaan woliin hin deemin; daandii isaanii irraa miila keeti eeggadhu.
16 for their feet run to evil, and they hurry to shed blood. Miilli isaanii gara cubbu'uu rukkisa; isaan dhiiga dhangalaasiisaaf ariifatan.
17 For a net spread out before any bird's eyes catches nothing; Adoo sinbirree dhaggituu fonxoroo itti afuun, bu'aa hin qaddu.
18 but these lie in wait for their own blood; they ambush their own lives. Namooti kun dhiiguma ifii dhangalaasiisaaf dhokatanee gaadan; isaan ifuma dhokatanee gaadan.
19 Such are the ways of everyone greedy for unjust gain; it takes away the life of its possessors. Muummeen worra joljoluu akkas jirti; joljolummaan isaan ijjeetti.
20 Wisdom cries aloud in the street; in the open squares she lifts her voice. Qarummaan woldeennaa kara'aa keessaa iyyitee waammatti; badhinna keessaa qoonqoo ol qabattee iyyiti.
21 At the head of the noisy streets she calls out; at the entrance of the city gates she speaks: Karaa namooti hogisanu keessaa iyyiti; seensuma qacha'aa keessaa dubbatti:
22 "How long, simple ones, will you love being simple? How long will mockers delight in their mocking and fools hate knowledge? Isiin, «Isin worri gowwooleen, haga yoomii, gowwummaa teessan jaalattan? Isin worri murgaameyyiin, haga yoomii, murgoo teessanitti gammaddan? Isin worri gowwooleen, haga yoomii beekkumsa jibbitan?
23 If you respond to my correction, I, Wisdom, will pour out my spirit on you; I will make my words known to you. Isin xixicha kiyya yoo dhageettane, ani silaa waan gadhaa kiyya keessa jiru, yaada kiyya akka beettanu hin godhaayyu.
24 Because I have called and you refused, I stretched out my hand and no one paid attention, Isin ammoo, yennaa ani waamu eega diddanee, yennaa ani harka kiyya diriirsu, eega itti hin xiyyeeffatinii,
25 and you ignored all my counsel and rejected all my correction, isin gorsa kiyya mara tuffatanee, xixicha kiyyalle eega hin fudhatinii,
26 I also will laugh at your calamity; I will mock when terror overtakes you, yennaa isin farra keessa jirtanu, anille isinitti hin kolla. Yennaa balaan isinitti bu'u ani isinitti hin murga.
27 when terror overtakes you like a storm and your calamity comes like a whirlwind, when distress and anguish come upon you. Yennaa wonni hantuun, akka bubbee bokkeyaa isinitti dhuttu, yennaa balaan akka hobonbolatti'ii isin haxowu, yennaa dhippinnii fi rakkinni isin irra garagalu, ani isinitti murga.
28 Then they will call on me, but I will not answer; they will seek me earnestly but will not find me, Yennaa san isin na hin waantan; ani ammoo deebii isiniif hin kennu; Isin akka malee na barbaaddan, ammoo na hin dhaggitanu.
29 because they hated knowledge and did not choose the fear of our Father, Isin beekkumsa Waan jibbitaneef, Mootii Waan Maraa sodaatiisa, waan hin filanneef,
30 they rejected my counsel and despised all my correction. Isin gorsa kiyya waan hin fudhatiniif, xixicha kiyya mara waan tuffataneef,
31 So they will eat the fruit of their own way and have their fill of their own schemes. isin midhaanuma hujattane hin nyaattan; bu'aa mala nama irratti dhoottanee hin dhaggatan.
32 For the waywardness of the simple will kill them, and the complacency of fools will destroy them; Worra beekkumsaan hin bilchaatin qarummaa irra fagaatiisatti ijjeesa; gowwooleelle rincica isaaniititti, isaan balleessa.
33 but whoever listens to me will dwell secure and be at ease, without dread of disaster." Worri na dhage'u ammoo, nageyaan le'a; waan hantuu adoo hin sodaatin, bidhaa malee jiraata» jetti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]