Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 5 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 My son, pay attention to my wisdom; listen closely to my understanding, Yaa ilma ko, ogummaa koo qalbeeffadhu; hubannaa kootiif illee gurra kenni;
2 so that you may guard discretion and your lips may preserve knowledge. kunis akka ati hubannaa turfattee arrabni kees beekumsa kuufattuuf.
3 For the lips of the forbidden woman drip honey, and her mouth is smoother than oil, Hidhiin ejjituu damma coccobsa; haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
4 but in the end she is bitter as poison, sharp as a double-edged sword. dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti; akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
5 Her feet go down to death; her steps take hold of the grave. Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa; tarkaanfiin ishee qabriitti nama geessa.
6 She gives no thought to the path of life; her ways wander, and she does not know it. Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu; daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
7 And now, my sons, listen to me, and do not turn away from the words of my mouth. Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.
8 Keep your way far from her, and do not go near the door of her house, Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa; balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
9 lest you give your honor to others and your years to one who is cruel, kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif, umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
10 lest strangers take their fill of your strength, and your hard-earned labors go to the house of a foreigner, akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata; dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa.
11 and at your end you groan, when your flesh and body are consumed, Dhuma jireenya keetiitti, yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda.
12 and you say, "How I hated discipline, and my heart despised correction! Atis akkana jetta; “Ani akkamittin adabamuu jibbee! Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate!
13 I did not listen to the voice of my teachers or heed my instructors. Ani barsiistota kootiif hin ajajamne yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne.
14 I was at the brink of utter ruin in the midst of the assembled congregation." Ani waldaa guutuu gidduutti qarqara badiisaa gaʼeen ture.”
15 Drink water from your own cistern, flowing water from your own well. Eela kee keessaa bishaan, boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi.
16 Should your springs overflow in the streets, your streams of water in the public squares? Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa?
17 Let them be yours alone, and not shared with strangers. Isaan kan kee haa taʼan; ormi si wajjin qooddachuu hin qabu.
18 May your fountain be blessed, and rejoice in the wife of your youth, Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
19 a loving doe, a graceful deer. May her love satisfy you always; may you be captivated continually by her love. Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
20 Why then, my son, should you be captivated by a forbidden woman and embrace another man's wife? Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta? Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
21 For a man's ways are before the eyes of our Father, and he examines all the man's paths. Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula Rabbii Allaah dura jiraatii; innis daandii namaa hunda ni toʼata.
22 The wicked are caught by their own wrongdoing and held fast in the cords of their sin. Balleessaan nama hamaa isuma qabaata; funyoon cubbuu isaa jabeessee isa qaba.
23 He will die for lack of discipline, and he will go astray because of his great foolishness. Inni sababii adabamuu dhabeef duʼa; guddinni gowwummaa isaas karaa irraa isa balleessa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]