Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 4 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Ogummaan Waan Hunda Caalti

1Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.

2Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.

3Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,

4inni akkana jedhee na barsiise;“Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.

5Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.

6Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.

7Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

8Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;isa hammadhu; innis si kabajaatii.

9Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi;gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”

10Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu;barri jireenya keetiis ni baayʼataa.

11Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha;daandii qajeelaa irras sin buusa.

12Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu;yoo fiigdu illee ati hin gufattu.

13Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.

14Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabinyookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.

15Irraa fagaadhu; irras hin deemin;irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.

16Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii;isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.

17Isaan buddeena hamminaa nyaatu;daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.

18Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaakan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.

19Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti;isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.

20Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu;dubbii kootiifis gurra kenni.

21Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin;garaa kee keessa ol kaaʼadhu;

22inni warra isa argatuuf jireenya,dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.

23Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;burqaan jireenyaa achii baʼaatii.

24Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.

25Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

26Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;karaan kee hundinuu haa jabaatu.

27Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;miilla kee hammina irraa eeggadhu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]