Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 21 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 The king's heart is a stream of water in our Father's hand; he turns it wherever he pleases. Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Rabbii Allaah keessa jira; innis garuma fedhetti qajeelcha.
2 Every way of a person seems right in their own eyes, but our Father weighs the heart. Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata; Rabbii Allaahan garuu yaada namaa madaala.
3 To do what is right and just is more pleasing to our Father than sacrifice. Fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
4 Haughty eyes and a proud heart—the lamp of the wicked—are sin. Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa kan hin qotaminii dha; innis cubbuu dhala.
5 The plans of the diligent lead surely to abundance, but all who are hasty end up in poverty. Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma.
6 Making a fortune by a lying tongue is a fleeting vapor, a deadly trap. Qabeenyi arraba sobuun argamu, urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
7 The violence of the wicked will drag them away, because they refuse to do what is just. Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif, fincilli hamootaa isaanuma balleessa.
8 The way of the guilty is crooked, but the conduct of the pure is upright. Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha; amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.
9 Better to live in a corner of the roof than in a shared house with a quarrelsome wife. Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
10 The soul of the wicked craves evil; their neighbor finds no mercy in their eyes. Namni hamaan jalʼina dharraʼa; ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu.
11 When a mocker is punished, the simple grow wise; when the wise are instructed, they gain knowledge. Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, wallaalaan ogummaa argata; namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata.
12 Our Father, the Righteous One, observes the house of the wicked and brings the wicked to ruin. Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala; hamootas ni balleessa.
13 Whoever shuts their ears to the cry of the poor will also cry out and not be answered. Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu.
14 A gift given in secret soothes anger, and a bribe slipped into the cloak calms strong wrath. Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha.
15 When justice is done, it is a joy to the righteous but terror to those who do evil. Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna; hamootatti immoo raafama fida.
16 A person who strays from the way of understanding will rest in the assembly of the dead. Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu waldaa warra duʼaniitti dabalama.
17 Whoever loves pleasure will become poor; whoever loves wine and oil will never grow rich. Namni qananii jaallatu ni deega; kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu.
18 The wicked become a ransom for the righteous, and the treacherous for the upright. Namni hamaan nama qajeelaadhaaf, kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa.
19 Better to live in a desert land than with a quarrelsome and complaining wife. Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa, gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
20 Precious treasure and oil are in the home of the wise, but a fool devours all he has. Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira; gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa.
21 Whoever pursues righteousness and faithful love will find life, righteousness, and honor. Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu, jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
22 A wise person scales the city of the mighty and brings down the stronghold they trust in. Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga.
23 Whoever guards their mouth and tongue keeps themselves out of trouble. Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.
24 "Mocker" is the name of the proud and arrogant who acts with outrageous insolence. Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;” inni akka malee koora.
25 The craving of a lazy person kills him, for his hands refuse to work. Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.
26 All day long the craving grows, but the righteous give and do not hold back. Inni guyyaa guutuu kajeela; namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
27 The sacrifice of the wicked is detestable—how much more when brought with evil intent. Aarsaan nama hamaa balfamaa dha; yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse hammam sana caalaa haa balfamu ree!
28 A false witness will perish, but whoever listens will testify with lasting effect. Dhuga baatuun sobaa ni bada; namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada.
29 The wicked put on a bold face, but the upright give thought to their ways. Namni hamaan ija jabaata; namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata.
30 There is no wisdom, no understanding, no counsel that can stand against our Father. Ogummaan, hubannaanii fi karoorri Rabbii Allaahan mormee milkaaʼuu hin jiru.
31 The horse is made ready for the day of battle, but victory belongs to our Father. Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama; moʼichi garuu kan Rabbii Allaah ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]