Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Nahum 2 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Kufaatii Nanawwee

1Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera.Daʼoo eeggadhu;karaa ilaalladhu.Mudhii kee hidhadhu;humna kee hunda walitti qabadhu!

2Yoo balleessitoonni isaan onsaniimukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu,Rabbii Allaahan akkuma ulfina Israaʼel deebise sanaulfina Yaaʼikuubis iddootti ni deebisa.

3Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha;gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru.Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana,sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa;eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.

4Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu;oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu.Isaan guca bobaʼu fakkaatu;akkuma bakakkaas ni darbatamu.

5Inni gootota isaa ni yaadata;isaan garuu karaatti gufatu.Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu;daʼoonis qopheeffameefii jira.

6Balballi lageenii banamaa dha;masaraan mootummaas ni jiga.

7Magaalattiin qullaatti hambaaakka boojiʼamtu murteeffameera.Xomboreewwan isheeqoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.

8Nanawween akkuma haroo ti;bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma.Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu;garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.

9Meetii saamaa!Warqee saamaa!Maddi ishee, badhaadhummaankuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!

10Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti!Lapheen baqeera; jilbi laafeera;dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.

11Holqi leencotaa,iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran,iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan,saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?

12Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate;leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese;boolla isaa waan adamseen,holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.

13Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;“Ani sitti kaʼeera;ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha;goraadeen leenca kee saafela ni fixa.Ani waan ati adamsattu tokko illeelafa irratti siif hin hambisu.Sagaleen ergamoota keetiilammata hin dhagaʼamu.”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]