Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Hosea 3 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Hooseʼaa Niitii Ofiitti Araarame

1Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; “Namni biraa ishee jaallatee isheen sagaagaltuu taatu iyyuu, ati dhaqiitii ammas niitii keetti jaalala kee argisiisi. Akkuma Rabbii Allaah utuma isaan waaqeffatamtoota biraatti deebiʼanii bixxillee wayinii jaallatanuu Israaʼeloota jaallate sana atis ishee jaalladhu.”

2Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe. 3Ani ergasii akkana nan jedheen; “Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha.”

4Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqeffatamtoota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii. 5Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii Rabbii Allaah isaaniitii fi Daawud mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara Rabbii Allaahatii fi gara eebba isaa ni dhufu.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]