Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Hosea 3 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Hooseʼaan Niitii Ofiitti Araarame

1Waaqayyo akkana naan jedhe; “Namni biraa ishee jaallatee isheen sagaagaltuu taatu iyyuu, ati dhaqiitii ammas niitii keetti jaalala kee argisiisi. Akkuma Waaqayyoo utuma isaan waaqota biraatti deebiʼanii bixxillee wayinii jaallatanuu Israaʼeloota jaallate sana atis ishee jaalladhu.”

2Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe. 3Ani ergasii akkana nan jedheen; “Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha.”

4Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii. 5Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara Waaqayyootii fi gara eebba isaa ni dhufu.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]