Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 7 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 My son, keep my words, and store up my commandments within you. Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii ajaja koos of keessatti kuufadhu.
2 Keep my commandments and live; guard my teaching as the apple of your eye. Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
3 Bind them on your fingers; write them on the tablet of your heart. Quba keetti isaan hidhadhu; gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
4 Say to wisdom, "You are my sister," and call understanding your dearest friend, Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi; hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
5 to keep you from the forbidden woman, from the stranger with her smooth words. isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin nama harkiftu irraa si eegu.
6 For at the window of my house I looked down through my lattice, Ani foddaa mana koo biraa keessaan, karaa qaawwaatiin ala ilaale.
7 and I saw among the naive, I noticed among the young men, a youth who lacked sense, Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, dargaggoota keessatti hubadhee dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
8 passing through the street near her corner, taking the road to her house, Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
9 in the twilight, as the day faded, in the dark of night and gloom. Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
10 And there a woman comes to meet him, dressed like a prostitute, with cunning in her heart. Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
11 She is loud and defiant; her feet will not stay at home. Isheen iyyituu fi kashlabbee dha; miilli ishee mana hin dhaabatu;
12 Now in the street, now in the squares, she lurks at every corner. takka daandii irratti, takka oobdii irratti, golee hundatti riphxee nama eeggatti.
13 She grabs him and kisses him, and with a brazen face she says to him: Isheen qabdee isa dhungatti; fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
14 "I had peace offerings to bring; today I have paid my vows. “Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; harʼa wareega koo guuttadheera.
15 So I came out to meet you, to look for you eagerly, and I have found you. Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe; ani barbaadee si argadheera!
16 I have spread my bed with coverings, with colored linens from Egypt. Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen, siree koo afee miidhagseera.
17 I have perfumed my bed with myrrh, aloes, and cinnamon. Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan siree koo urgeesseera.
18 Come, let us drink deep of love until morning; let us lose ourselves in love. Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa; kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
19 For my husband is not at home; he has gone on a long journey. Dhirsi koo mana hin jiru; inni karaa dheeraa deemeera.
20 He took a bag of money with him and will not come home until the full moon." Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme; hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
21 With all her persuasive words she sways him; with her smooth lips she draws him in. Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
22 All at once he follows her, like an ox going to the slaughter, like a deer stepping into a snare, Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
23 until an arrow pierces its liver; like a bird darting into a trap, he does not know it will cost him his life. akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
24 Now then, my sons, listen to me, and pay attention to what I say. Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
25 Do not let your heart turn aside to her ways; do not wander into her paths. Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
26 For she has brought down many victims; her slain are a mighty multitude. Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
27 Her house is the road to the grave, going down to the chambers of death. Manni ishee karaa qileetti nama geessu, kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]