Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 8 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Does not Wisdom call out, and understanding raise her voice? Ogummaan hin iyyuu? Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu?
2 Atop the heights along the way, where the paths meet, she takes her stand. Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra, iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti;
3 Beside the gates, at the entrance to the city, at the doorways she cries aloud: karra magaalaatti nama galchu bira, balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti:
4 "To you, all people, I call out; my voice reaches all humanity. “Yaa namoota, ani iyyeen isin waama; ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha.
5 You who are simple, learn prudence; you who are foolish, gain an understanding heart. Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa; isin warri gowwaan hubannaa argadhaa.
6 Listen, for I speak of noble things, and everything I say is right. Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa; waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha.
7 My mouth utters truth, for my lips detest wickedness. Afaan koo dhugaa dubbata; arrabni koo hammina jibbaatii.
8 All the words of my mouth are righteous; none of them is twisted or crooked. Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha; dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti.
9 To the one who understands they are all clear, and right to those who find knowledge. Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha; warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu.
10 Take my instruction instead of silver, and knowledge rather than choice gold, Qooda meetii gorsa koo, warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu;
11 for wisdom is better than jewels, and nothing you desire can compare with her. ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.
12 I, Wisdom, dwell with prudence, and I find knowledge and discretion. “Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha; ani beekumsaa fi hubannaa qaba.
13 The fear of our Father is to hate evil. Pride and arrogance, the evil way, and perverse speech I hate. Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
14 Counsel is mine, and sound wisdom; I am understanding; strength is mine. Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti; ani hubannaa fi humna qaba.
15 By me kings reign, and rulers decree what is just; Mootonni anaan moʼu; bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu.
16 by me princes govern, and nobles—all who rule with justice. Ilmaan moototaa anaan bulchu; namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
17 I love those who love me, and those who search for me find me. Ani warra na jaallatan nan jaalladha; warri na barbaadanis na argatu.
18 With me are riches and honor, enduring wealth and righteousness. Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru.
19 My fruit is better than gold, than the finest gold, and what I yield surpasses choice silver. Iji koo warqee qulqulluu caala; buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.
20 I walk in the way of righteousness, along the paths of justice, Ani karaa qajeelummaa irra, daandii qajeelaa irras nan deema;
21 giving wealth as an inheritance to those who love me, and filling their treasuries. warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa; mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta.
22 Our Father brought me forth at the beginning of his way, before his works of old. “Waaqayyo waan bara durii hojjeteen dura, hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate;
23 From ages past I was established, from the beginning, before the earth began. ani utuu addunyaan hin uumamin dura, jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame.
24 When there were no deep waters I was brought forth, when there were no springs overflowing with water. Ani utuu tuujubni hin jiraatin, utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe;
25 Before the mountains were settled, before the hills, I was brought forth, utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura, ani gaarraniin dura nan dhaladhe;
26 while he had not yet made the earth and its fields, or the first dust of the world. utuu inni lafa yookaan dirree ishee yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu hin uumin dura nan dhaladhe.
27 When he set the heavens in place, I was there; when he drew a circle over the face of the deep, Yeroo inni samiiwwan hundeessetti, yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture;
28 when he set the skies in place above, when he established the springs of the deep, yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture;
29 when he set for the sea its boundary so the waters would not cross their limits, when he marked out the foundations of the earth, yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee, galaanaaf daangaa dhaabetti, yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture.
30 then I was beside him as a master craftsman, and I was his daily delight, rejoicing before him always, Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture. Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa, guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture;
31 rejoicing in his whole world, and delighting in the human family. ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa, ilmaan namaatti illee gammadaan ture.
32 And now, my children, listen to me: blessed are those who keep my ways. “Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.
33 Listen to instruction and be wise; do not ignore it. Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa; isa hin tuffatinaa.
34 Blessed is the one who listens to me, watching daily at my gates, waiting beside my doorway. Namni na dhagaʼu, kan guyyaa hunda balbala koo eegu, kan karra koo dura turu eebbifamaa dha.
35 For whoever finds me finds life and receives favor from our Father. Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata; Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
36 But whoever misses me harms his own soul; all who hate me love death." Namni na hin arganne garuu ofuma miidha; namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]