Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 31 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The words of King Lemuel—an oracle his mother taught him: Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte:
2 What, my son? What, son of my womb? What, son of my vows? “Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, maali yaa ilma wareega ko,
3 Do not give your strength to women, or your ways to those who destroy kings. humna kee dubartoota irratti, jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
4 It is not for kings, Lemuel—not for kings to drink wine, or for rulers to crave strong drink. “Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
5 For if they drink, they will forget what is decreed and pervert the rights of all the oppressed. kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
6 Give strong drink to one who is perishing, and wine to those in bitter distress. Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa, warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
7 Let them drink and forget their poverty, and remember their misery no more. isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan; rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
8 Open your mouth for the voiceless, for the rights of all who are left destitute. “Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi.
9 Open your mouth, judge righteously, and defend the rights of the poor and needy. Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
10 A woman of valor—who can find her? She is far more precious than jewels. Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
11 The heart of her husband trusts in her, and he will lack nothing of value. Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
12 She does him good and not harm, all the days of her life. Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
13 She seeks out wool and flax, and works with willing hands. Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
14 She is like the merchant ships, bringing her food from afar. Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
15 She rises while it is still night, provides food for her household, and portions for her servant girls. Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
16 She considers a field and buys it; from the fruit of her hands she plants a vineyard. Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
17 She wraps herself in strength and makes her arms strong. Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
18 She perceives that her trading is profitable; her lamp does not go out at night. Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
19 She puts her hands to the spinning staff, and her hands grasp the spindle. Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti.
20 She opens her hand to the poor and reaches out her hands to the needy. Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
21 She has no fear for her household when it snows, for all her household are clothed in scarlet. Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
22 She makes coverings for herself; her clothing is fine linen and purple. Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti.
23 Her husband is known in the gates, when he sits among the elders of the land. Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
24 She makes linen garments and sells them, and supplies sashes to the merchants. Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
25 Strength and dignity are her clothing, and she laughs at the days to come. Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
26 She opens her mouth with wisdom, and faithful instruction is on her tongue. Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
27 She watches over the ways of her household and does not eat the bread of idleness. Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
28 Her children rise up and call her blessed; her husband also, and he praises her: Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
29 "Many daughters have done valiantly, but you surpass them all." “Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; ati garuu isaan hunda caalta.”
30 Charm is deceptive and beauty is fleeting, but a woman who reveres our Father—she will be praised. Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
31 Give her the fruit of her hands, and let her works praise her in the gates. Buʼaa harka ishee kennaafii; hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]