Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 29 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Whoever is often corrected yet refuses to listen will suddenly be broken beyond healing. Namni ifannaa baayʼee booddee mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.
2 When the righteous flourish, the people rejoice, but when the wicked rule, the people groan. Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha; yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.
3 A man who loves wisdom brings joy to his father, but a companion of prostitutes squanders his wealth. Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa; miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.
4 By justice a king gives a land stability, but one who is greedy for bribes tears it down. Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa; kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.
5 A man who flatters his neighbor spreads a net for his feet. Namni ollaa isaa jaju, miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.
6 An evil man is snared by his own sin, but the righteous sing and rejoice. Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama; qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.
7 The righteous care about justice for the poor, but the wicked have no such understanding. Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.
8 Mockers set a city ablaze, but the wise calm the anger. Qoostonni magaalaa jeequ; ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.
9 When a wise man goes to court with a fool, the fool rages and scoffs, and there is no peace. Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe, gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.
10 The bloodthirsty hate the blameless and seek to kill the upright. Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu; nama tolaas ajjeesuu barbaadu.
11 A fool vents all his anger, but a wise man holds it back and keeps himself calm. Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna; ogeessi garuu of qaba.
12 If a ruler listens to lies, all his officials become wicked. Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.
13 The poor man and the oppressor have this in common: our Father gives sight to the eyes of both. Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu: Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.
14 If a king judges the poor with fairness, his throne will be established forever. Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan hiyyeeyyiif murtii kenne, teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.
15 The rod and a word of correction give wisdom, but a child left to himself brings shame to his mother. Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
16 When the wicked flourish, wrongdoing flourishes, but the righteous will see the wicked's downfall. Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata; qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.
17 Discipline your son, and he will give you peace; he will bring delight to your heart. Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; lubbuu kees ni gammachiisa.
18 Where there is no revelation, the people run wild, but blessed is the one who keeps the law. Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa; namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.
19 A servant cannot be corrected by words alone; though he understands, he will not obey. Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu; inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.
20 Do you see a man who is hasty with his words? There is more hope for a fool than for him. Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
21 Pamper a servant from childhood, and in the end he will become like an heir. Nama garbicha ofii isaa ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu, galgalli isaa rakkina.
22 An angry man stirs up strife, and a hot-tempered man commits many sins. Namni aaru lola kakaasa; kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.
23 A man's pride brings him low, but a humble spirit gains honor. Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
24 An accomplice of a thief is his own enemy; he hears the curse but says nothing. Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba; inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.
25 Fear of man lays a snare, but whoever trusts in our Father is kept safe. Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa; kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
26 Many seek a ruler's favor, but justice for a person comes from our Father. Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.
27 An unjust man is detestable to the righteous, and an upright person is detestable to the wicked. Qajeelaan sobduu xireeffata; hamaan immoo nama tolaa jibba.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]