Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 28 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The wicked flee when no one pursues, but the righteous are as bold as a lion. Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata; qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
2 When a land rebels, it has many rulers, but with a man of understanding and knowledge, it stays stable. Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira; bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa.
3 A poor man who oppresses the helpless is like a driving rain that leaves no food. Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti.
4 Those who forsake the law praise the wicked, but those who keep the law strive against them. Warri seera didan hamoota jaju; warri seera eegan garuu isaaniin mormu.
5 Evil people do not understand justice, but those who seek our Father understand it fully. Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan; warri Waaqayyoon barbaadan immoo guutumaan guutuutti hubatu.
6 Better is a poor man who walks with integrity than a rich man crooked in his ways. Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
7 Whoever keeps the law is a son with understanding, but a companion of gluttons shames his father. Namni seera eegu ilma ogeessa; michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
8 Whoever multiplies his wealth by interest and unjust gain gathers it for one who is generous to the poor. Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu, nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba.
9 If anyone refuses to listen to the law, even his prayer is detestable. Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, kadhannaan isaa balfamaa dha.
10 Whoever leads the upright astray down an evil path will fall into his own pit, but the blameless will inherit good things. Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu kiyyoo ofii isaa keessa seena; namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata.
11 A rich man is wise in his own eyes, but a poor man with understanding sees right through him. Namni sooressi ogeessa of seʼa; hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa.
12 When the righteous triumph, there is great glory, but when the wicked rise, people go into hiding. Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa; yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu namoonni ni dhokatu.
13 Whoever conceals his sins will not prosper, but whoever confesses and turns from them will find mercy. Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
14 Blessed is the one who always remains reverent, but whoever hardens his heart will fall into calamity. Namni yeroo hunda Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha; kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
15 Like a roaring lion or a charging bear is a wicked ruler over a helpless people. Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti.
16 A ruler who lacks understanding is a cruel oppressor, but whoever hates unjust gain will prolong his days. Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
17 A man weighed down by the guilt of bloodshed will be a fugitive until death; let no one support him. Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, boollatti baqata; namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
18 Whoever walks in integrity will be kept safe, but whoever is crooked in his ways will suddenly fall. Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
19 Whoever works his land will have plenty of bread, but whoever chases empty pursuits will have plenty of poverty. Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama.
20 A faithful man will abound with blessings, but whoever rushes to get rich will not go unpunished. Namni amanamaan eebba quufa; kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu.
21 Showing partiality is not good, yet for a piece of bread a man will do wrong. Nama wal caalchisuun gaarii miti; namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta.
22 A stingy man rushes after wealth and does not know that poverty will overtake him. Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara; inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
23 Whoever rebukes a man will in the end find more favor than one who flatters with his tongue. Namni nama ifatu dhuma irratti nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata.
24 Whoever robs his father or mother and says, "It is no sin," is a companion to one who destroys. Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu garee nama waa balleessuu ti.
25 A greedy man stirs up strife, but whoever trusts in our Father will be enriched. Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
26 Whoever trusts in his own heart is a fool, but whoever walks in wisdom will be kept safe. Namni of amanatu gowwaa dha; kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.
27 Whoever gives to the poor will lack nothing, but whoever closes his eyes to them will receive many curses. Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
28 When the wicked rise, people go into hiding, but when they perish, the righteous flourish. Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti namoonni ni dhokatu; yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]