Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 22 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 A good name is to be chosen rather than great riches, and favor is better than silver or gold. Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala.
2 The rich and the poor meet together; our Father is the Maker of them all. Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.
3 The prudent sees danger and takes cover, but the simple keep going and pay the price. Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
4 The reward for humility and the fear of our Father is riches and honor and life. Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
5 Thorns and snares lie in the path of the crooked; whoever guards his soul stays far from them. Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; namni lubbuu isaa eeggatu garuu waan kana irraa fagaatee jiraata.
6 Train up a child in the way he should go, and even when he is old he will not depart from it. Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
7 The rich rules over the poor, and the borrower is slave to the lender. Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.
8 Whoever sows injustice will reap calamity, and the rod of his fury will fail. Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.
9 Whoever has a generous eye will be blessed, for he shares his bread with the poor. Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.
10 Drive out the scoffer, and strife goes with him; quarreling and abuse will cease. Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.
11 Whoever loves a pure heart and speaks graciously will have the king as his friend. Nama qulqullina garaa jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.
12 The eyes of our Father keep watch over knowledge, but he overturns the words of the traitor. Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala; inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.
13 The lazy person says, "There is a lion outside! I will be killed in the streets!" Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.
14 The mouth of forbidden women is a deep pit; whoever draws our Father's anger will fall into it. Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.
15 Foolishness is bound up in the heart of a child, but the rod of discipline drives it far away. Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
16 Whoever oppresses the poor to enrich himself, or gives to the rich, will come only to poverty. Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.
17 Listen carefully to the words of the wise, and apply your heart to my knowledge, Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;
18 for it will be pleasant if you keep them within you, if all of them are ready on your lips. yoo ati qalbiitti qabattee hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte wanni kun nama gammachiisaatii.
19 So that your trust may be in our Father, I have made them known to you today, even to you. Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.
20 Have I not written for you thirty sayings of counsel and knowledge, Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi beekumsaa siif hin barreessinee?
21 to teach you what is right and true, so that you may give a true answer to those who sent you? Kanas ani akka ati warra si erganiif deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?
22 Do not rob the poor because he is poor, or crush the afflicted at the gate, Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;
23 for our Father will plead their cause and will rob of life those who rob them. Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.
24 Do not befriend a man given to anger, and do not go with a hot-tempered man, Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;
25 or you will learn his ways and entangle yourself in a snare. yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.
26 Do not be one of those who give pledges, who put up security for debts. Nama harka dhaʼee waadaa galu yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;
27 If you have nothing to pay with, why should your bed be taken from under you? yoo ati waan baaftu dhabde, sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.
28 Do not move the ancient boundary stone that your fathers set up. Dhagaa daarii durii, kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.
29 Do you see a man skillful in his work? He will stand before kings; he will not stand before ordinary men. Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]