Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 14 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The wisest of women builds her house, but foolishness tears hers down with her own hands. Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
2 Whoever walks in uprightness fears our Father, but one whose ways are crooked despises him. Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
3 A fool's mouth is a rod for his own pride, but the lips of the wise protect them. Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida; arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.
4 Where there are no oxen, the manger stays clean, but an abundant harvest comes through the strength of an ox. Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.
5 A faithful witness does not lie, but a false witness breathes out lies. Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.
6 The scoffer seeks wisdom and finds none, but knowledge comes easily to the discerning. Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.
7 Stay away from a fool, for you will find no knowledge on his lips. Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.
8 The wisdom of the prudent is to discern their way, but the foolishness of fools is deceit. Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.
9 Fools mock the guilt offering, but among the upright there is favor. Gowwoonni cubbuutti qoosu; qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.
10 The heart knows its own bitterness, and no stranger shares in its joy. Garaan gadda ofii isaa ni beeka; namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.
11 The house of the wicked will be destroyed, but the tent of the upright will flourish. Manni nama hamaa ni bada; dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.
12 There is a way that seems right to a person, but its end is the way of death. Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
13 Even in laughter the heart may ache, and the end of joy may be grief. Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa; gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.
14 The backslider in heart will be filled with the fruit of his ways, and a good person with the fruit of his. Namni hin amanamne gatii karaa isaa, namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.
15 The simple believe anything, but the prudent give thought to their steps. Namni homaa hin beekne waan hunda amana; namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.
16 The wise fear and turn away from evil, but a fool is reckless and overconfident. Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa; gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.
17 A quick-tempered person acts foolishly, and one who plots evil schemes is hated. Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta; namni daba hojjetu garuu ni jibbama.
18 The simple inherit foolishness, but the prudent are crowned with knowledge. Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala; qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.
19 The evil bow down before the good, and the wicked at the gates of the righteous. Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti, jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.
20 The poor are shunned even by their neighbors, but the rich have many friends. Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.
21 Whoever despises his neighbor sins, but blessed is the one who is kind to the poor. Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.
22 Do not those who plot evil go astray? But covenant love and faithfulness belong to those who plan good. Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu? Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu.
23 In all hard work there is profit, but mere talk leads only to poverty. Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.
24 The crown of the wise is their wealth, but the foolishness of fools yields only foolishness. Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.
25 A truthful witness saves lives, but one who breathes out lies is treacherous. Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.
26 In the fear of our Father is strong confidence, and his children will have a refuge. Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba; ijoolleen isaas daʼoo argatu.
27 The fear of our Father is a fountain of life, turning a person away from the snares of death. Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
28 A large population is a king's glory, but without people a prince is ruined. Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti; yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.
29 Whoever is slow to anger has great understanding, but a hot temper exalts foolishness. Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.
30 A tranquil heart gives life to the body, but envy rots the bones. Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
31 Whoever oppresses the poor reproaches our Father, their Maker, but whoever is kind to the needy honors him. Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.
32 The wicked are brought down by their own evil, but the righteous find refuge even in death. Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu; qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.
33 Wisdom rests in the heart of the discerning, but even among fools it makes itself known. Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti; garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.
34 Righteousness exalts a nation, but sin is a disgrace to any people. Qajeelummaan saba ol guddisa; cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.
35 A king's favor rests on a wise servant, but his wrath falls on one who acts shamefully. Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]