Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Micah 3 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Hooggantoonnii fi Raajonni Balaaleffataman

1Ergasii ani akkanan jedhe;“Isin hooggantoonni Yaaqoob,bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa.Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?

2Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan,warri saba koo irraa gogaa,lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,

3warri foon saba koo nyaattan,kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan,isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fiokkoteetti affeelamuu isaan ciccirtanmurtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”

4Ergasii isaan Waaqayyotti iyyatu;inni garuu deebii hin kennuuf.Yeroo sanatti inni sababii cubbuuisaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.

5Waaqayyo akkana jedha:“Waaʼee raajotasaba koo karaa irraa jalʼisanii,yoo namni tokko nyaata kenneefisaan ‘Nagaa’ labsu;yoo inni akkas gochuu baate immoolola isatti kaasuuf qophaaʼu.

6Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan,utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa.Aduun raajotatti dhiiti;guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.

7Ilaaltonni ni qaanaʼu;warri hooda dubbatanis ni salphifamu.Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneefisaan hundi fuula haguuggatu.”

8Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa,Israaʼelittis cubbuu isaa himuufhumnaan guutameera;Hafuura Waaqayyootiinmurtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.

9Isin hooggantoonni mana Yaaqoobbulchitoonni mana Israaʼelwarri murtii qajeelaa tuffattaniiwaan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;

10warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin,hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.

11Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu;luboonni ishee gatiidhaan barsiisu;raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu.Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii,“Waaqayyo gidduu keenya jira mitii?Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.

12Kanaafuu sababii keessaniif,Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti;Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati;gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]