Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Hebrews 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 So, holy brothers sharing a heavenly call, consider Jesus, the apostle and high priest we confess. Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa.
2 He was faithful to the one who appointed him, as Moses also was in all our Father's house. Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture.
3 Jesus deserves far more glory than Moses, as a house's builder deserves more honor than the house itself. Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba.
4 For every house is built by someone, but the builder of all things is our Father. Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa.
5 Moses was faithful in all our Father's house, a servant testifying to what would be spoken later. Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture.
6 But Christ, as son, is faithful over his house. And we are his house—if we hold firm the confidence and hope we boast in. Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
7 So, as the Holy Spirit says: "Today, if you hear his voice, Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
8 do not harden your hearts as you did in the rebellion, on the day of testing in the wilderness, akka yeroo qorumsaa gammoojjii keessatti finciluun gootan sana, mataa hin jabaatinaa;
9 where your ancestors put me to the test and saw my works for forty years. abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan; waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.
10 That is why I was angry with that generation, and I said, 'Their hearts are always going astray, and they have not known my ways.' Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree, ‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru; isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.
11 So I swore in my anger, 'They will never enter my rest.'" Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”
12 Brothers, watch that none of you has an evil, unbelieving heart that deserts the living Father. Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.
13 But encourage each other daily, while it is called "today," so none of you becomes hardened by sin's deceit. Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.
14 For we have become sharers in Christ, if we truly keep our first confidence firm to the end. Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii.
15 As it is said: "Today, if you hear his voice, do not harden your hearts as when you rebelled." Kunis akkuma, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo fincilaa sana, mataa hin jabaatinaa” jedhamee barreeffamee dha.
16 Who heard and rebelled? Wasn't it all who left Egypt through Moses? Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii?
17 With whom was he angry forty years? Was it not with those who sinned, whose bodies fell in the wilderness? Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii?
18 Who did he swear would never enter his rest, except those who disobeyed? Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree?
19 So we see they couldn't enter because of lack of faith. Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]