Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Hebrews 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 So we must pay closer attention to what we've heard, or we may drift away. Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna.
2 For if the word spoken through angels held firm, and every wrongdoing and disobedience got just payment, Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii,
3 how will we escape if we neglect so great a salvation? First announced by the Lord, it was confirmed to us by those who heard him, yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame.
4 while our Father also testified with them through signs, wonders, various miracles, and distributions of the Holy Spirit, according to his will. Waaqni mallattoon, raajii fi hojii dinqii adda addaatiin akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu kanneen akka fedhii isaatti kennamaniin dhugaa baʼeera.
5 For it was not to angels that our Father subjected the coming world we're speaking of. Inni addunyaa dhufuuf jiru, kan nu waaʼee isaa dubbannu sana ergamoota jala hin galchine.
6 Someone has testified somewhere, "What is man, that you are mindful of him, or the son of man, that you care for him? Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera; “Akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
7 You made him for a little while lower than the angels; you crowned him with glory and honor, Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; hojii harka keetii irrattis isa muudde.
8 putting everything in subjection under his feet." Now in subjecting everything to him, our Father left nothing outside his control. At present, however, we do not yet see everything subjected to Christ. Waan hundas miilla isaa jala galchite.” Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu.
9 But we see Jesus, made lower than the angels for a little while, now crowned with glory and honor because he suffered death, so that by our Father's grace he might taste death for everyone. Garuu Yesuus inni ayyaana Waaqaatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee ergamootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina.
10 It was fitting that our Father, for whom and through whom all things exist, should perfect the pioneer of their salvation through suffering, bringing many sons to glory. Waaqni wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture.
11 The one who makes holy and those made holy all come from one Father. That's why he isn't ashamed to call them brothers and sisters, Inni namoota qulqulleessuu fi kanneen qulqulleeffaman hundi kanuma abbaa tokkoo ti. Kanaafuu Yesuus obboloota jedhee isaan waamuu hin qaanaʼu.
12 saying, "I will proclaim your name to my brothers and sisters; I will sing your praise amid the assembly." Inni, “Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa kiristaanaa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha” jedha.
13 And again, "I will trust in him." And again, "Here am I, and the children our Father gave me." Akkasumas, “Ani isa nan amanadha” jedha. Ammas inni, “Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti” jedha.
14 Since the children share flesh and blood, he too shared them, so that through death he might destroy the one holding the power of death—the devil, Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate;
15 and free all those who, through fear of death, were enslaved their whole lives. innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.
16 For surely it is not angels he helps, but the descendants of Abraham. Inni dhugumaanuu sanyii Abrahaam gargaaruuf malee ergamoota Waaqaa gargaaruuf miti.
17 So he had to become like his brothers and sisters in every way, to be a merciful and faithful high priest serving our Father, clearing away the people's sins. Kanaafuu inni Waaqa tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture.
18 Since he himself suffered when tempted, he can help those being tempted. Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]