Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Hebrews 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Long ago, in many times and many ways, our Heavenly Father spoke to our ancestors through the prophets. Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture;
2 But in these final days he spoke to us by his Son, whom he appointed heir of all things and through whom he made the universe. bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume.
3 The Son is the brightness of our Father's glory, the exact image of his being, sustaining all things by his powerful word. After purifying sins, he sat down at the right hand of the Majesty on high. Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
4 He became as much greater than angels as his inherited name is greater than theirs. Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.
5 For to which of the angels did our Father ever say, "You are my Son; today I have become your Father"? Or again, "I will be his Father, and he will be my Son"? Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” Yookaan isa kamiin, “Ani isaaf Abbaa nan taʼa; innis Ilma naa taʼa” jedhee beeka?
6 And again, when he brings the firstborn into the world, he says, "Let all my angels worship him. Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti, “Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan” jedha.
7 Of the angels he says, "He makes his angels winds, and his servants flames of fire." Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus, “Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha” jedha.
8 But about the Son he says, "Your throne, O God, is forever and ever, and the scepter of righteousness is the scepter of your kingdom. Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
9 You have loved righteousness and hated wickedness; therefore our Father, your Father, has anointed you with the oil of gladness above your companions." Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite; kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee, hiriyoota kee si caalchise.”
10 And, "In the beginning, Lord, you laid the foundations of the earth, and the heavens are the work of your hands. Akkasumas inni akkana jedha; “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
11 They will perish, but you remain; they will all wear out like a garment. Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
12 You will roll them up like a robe; like a garment they will be changed. But you are the same, and your years will never end." ati akkuma wayyaatti isaan marta; isaan akkuma uffataatti geeddaramu; ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”
13 But to which of the angels did our Father ever say, "Sit at my right hand until I make your enemies a footstool for your feet"?" Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, gara mirga koo taaʼi” jedhe?
14 Aren't all angels ministering spirits, sent to serve those about to inherit salvation? Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]