Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Philemon 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Paul, a prisoner of Christ Jesus, and Timothy our brother, to Philemon, our dear friend and co-worker, Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa, Gara Fiilmoonaa isa jaallatamaa fi hojjetaa hidhata keenya taʼe sanaatti;
2 and to our sister Apphia, our fellow soldier Archippus, and the church that meets in your house: akkanumas gara obboleettii keenya Aphifiyaatti, gara Arkiphaa isa nu wajjin loltuu taʼeetti, gara waldaa kiristaanaa ishee mana keetti walitti qabamtuuttis:
3 Grace and peace to you from our Father and the Lord Jesus Christ. Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
4 I always thank my Father as I remember you in my prayers, Ani yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha;
5 because I hear of your love and faith in the Lord Jesus and for all his holy people. ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Yesuusitti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii.
6 I pray your shared faith becomes effective as you come to understand every good thing we have in Christ. Ani akka ati waaʼee waan gaarii nu Kiristoosiin qabnu hundumaa hubannaa guutuu qabaattee amantii kee namaan gaʼuuf jabaattu nan kadhadha.
7 Your love has brought me great joy and comfort, brother, since you've refreshed the hearts of his holy people. Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera.
8 Therefore, although in Christ I am bold enough to command you to do what is right, Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Kiristoosiin ija jabina qabaadhe illee,
9 instead, for love's sake I appeal—I, Paul, an old man, now also a prisoner of Christ Jesus. sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,
10 I appeal to you for my child Onesimus, whose father I became while I was in chains. ilma koo Oneesimoos isa ani hidhamuu kootiin dhalche sanaaf sin kadhadha.
11 He was once useless to you, but now is useful to you and me. Inni kanaan dura nama homaa si hin fayyadne ture; amma garuu siifis anaafis nama faayidaa qabu taʼeera.
12 I am sending him back to you—and in doing so I am sending my very heart. Ani isa, nama akka garaa kootii sana deebisee gara keetti nan erga.
13 I wanted to keep him with me, to serve me on your behalf while I'm in chains for the gospel. Ani yeroon wangeelaaf hidhametti inni iddoo kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti isa hambifachuu barbaadeen ture.
14 But I wanted to do nothing without your consent, so your good deed would not be forced, but voluntary. Ani garuu gaarummaan kee utuu dirqamaan hin taʼin fedhiidhaan akka taʼuuf waanuma tokko illee eeyyama kee malee gochuu hin barbaanne.
15 Perhaps this is why he was separated from you briefly, so you'd have him back forever. Tarii inni yeroo gabaabaaf siin gargar baʼuun isaa akka ati deebiftee isa simattee hamma dhumaatti of bira tursituuf taʼa;
16 No longer as a slave, but more than a slave—a beloved brother, especially to me, but even more to you, both in the flesh and in the Lord. atis siʼachi akka garbichaatti utuu hin taʼin, akka obboleessa jaallatamaa garbicha caalu tokkootti isa simadhu. Inni keessumattuu erga anaaf akkas jaallatamaa taʼe siif immoo fooniinis Gooftaadhaanis hammam caalaa jaallatamaa haa taʼu ree?
17 So if you consider me a partner, welcome him as you would welcome me. Egaa ati yoo akka michuu keetiitti na ilaalte akkuma na simatutti isas simadhu.
18 If he wronged you at all, or owes anything, put it on my account. Yoo inni waanuma tokkoon illee si yakkee jiraate yookaan ati yoo waanuma tokko illee isa irraa qabaatte natti lakkaaʼi.
19 I, Paul, write this with my own hand: I'll repay it—not to mention you owe me yourself as well. Ani Phaawulos siifan kaffala jedhee harkuma kootiin barreesseera. Akka ati mataan kee iyyuu kan koo taate ani homaa sitti hin himu.
20 Yes, brother, do me this favor in the Lord—refresh my heart in Christ. Egaa yaa obboleessa, ani Gooftaadhaan faayidaa kana sirraa argachuu nan barbaada; Kiristoositti garaa koo naa qabbaneessi.
21 Trusting you'll obey, I write to you, knowing you'll do even more than I ask. Akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekuudhaan ajajamuu kee amanadhee siifan barreessa.
22 Also prepare a guest room for me—I hope through your prayers to be graciously given back to you. Kana malees ani kadhannaa keessaniin akkan isiniif kennamu waanan abdadhuuf mana boqonnaa naa qopheessi.
23 Epaphras, my fellow prisoner in Christ Jesus, sends you greetings, Ephaafiraan inni Kiristoos Yesuusiif jedhee na wajjin hidhame nagaa siif dhaama.
24 and so do Mark, Aristarchus, Demas, and Luke, my fellow workers. Akkasumas warri na wajjin hojjetan Maarqos, Arisxirokoos, Deemaasii fi Luqaas nagaa siif dhaamu.
25 The grace of the Lord Jesus Christ be with your spirit. Amen. Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]