Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ezekiel 19 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Faaruu Booʼichaa

1“Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi; 2akkanas jedhi:“ ‘Haati kee leencota gidduutti,leenca akkamii turte!Isheen leencota gidduu ciifteeilmoolee ishee guddifatte.

3Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte;innis leenca jabaa taʼe.Inni waa adamsee ciccirachuu barate;namootas nyaate.

4Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan;inni boolla isaanii keessatti qabame.Isaan hokkoodhaan harkisaniigara biyya Gibxitti isa geessan.

5“ ‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin,akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti,ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhatteeleenca jabaa gootee guddifte.

6Inni leencota gidduu biddiiqe;leenca jabaa taʼeeraatii.Inni waa adamsee ciccirachuu barate;namootas nyaate.

7Inni daʼannoo isaanii diige;magaalaawwan isaaniis onse.Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundiaaduu isaatiin raafaman.

8Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoosanaa jiran isatti kaʼan.Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan;innis boolla isaanii keessatti qabame.

9Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan;gara mootii Baabilonitti isa fidan.Mana hidhaatti isa galchan;kanaafuu aaduun isaatulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.

10“ ‘Haati kee akkuma wayiniilafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti;biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteefmistee damee hedduu baaffatte.

11Dameewwan isaas jajjaboobokkuu bulchaatiif taʼan turan.Isheen baalawwan gobbatan gidduuttiol dheerina isheetii fibaayʼina dameewwan isheetiinol dheerattee mulʼatti turte.

12Isheen garuu aariidhaan buqqifamteelafatti gatamte.Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogseeija ishee irraa harcaase;dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan;ibiddis isaan fixe.

13Amma isheen gammoojjii keessa,lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.

14Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼeeija ishee fixe.Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼutokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]