Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

1 John 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 What was from the beginning, what we heard, what we saw with our own eyes, what we gazed on and touched with our hands—this we announce about the Word of life, Jesus. Nu waaʼee Dubbii jireenyaa kan jalqabaa kaasee ture, kan dhageenye, kan ija keenyaan argine, kan ilaallee fi kan harki keenyas qaqqabe kana labsina.
2 The life appeared; we saw it, testify to it, and proclaim to you the eternal life that was with our Father and appeared to us. Jireenyi mulʼateera; nus isa argineerra; dhugaas ni baanaaf; nu jireenya bara baraa isa Abbaa wajjin turee fi isa nutti mulʼate sana isinitti labsina.
3 What we have seen and heard we proclaim to you too, so you may share deep communion with us—our deep communion is with our Father and his Son, Jesus Christ. Akka isinis nu wajjin tokkummaa qabaattaniif waan arginee fi waan dhageenye isinitti labsina. Tokkummaan keenyas Abbaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos wajjin.
4 And we are writing these things so that our joy may be complete. Nus akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf waan kana barreessina.
5 This is what we heard from him and tell you: our Father is light—no darkness in him at all. Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Waaqni ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha.
6 If we say we have communion with him yet walk in the darkness, we lie and don't live the truth. Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu.
7 But if we walk in the light, as he is in the light, we share fellowship with each other, and the blood of his Son Jesus cleanses us from every sin. Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.
8 If we claim to be without sin, we deceive ourselves and the truth is not in us. Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru.
9 If we confess our sins, our Father is faithful and just to forgive us our sins and cleanse us from all wrongdoing. Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
10 If we say we have not sinned, we make him a liar, and his word is not in us. Nu yoo cubbuu hin hojjennee jenne immoo sobduu isa goona; dubbiin isaas nu keessa hin jiru.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]