Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Peter 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Beloved, this is now the second letter I write you; in both I stir up your sincere mind by reminder. Yaa michoota jaallatamoo, ani amma xalayaa lammaffaa isiniif barreessuu koo ti. Lamaan isaanii iyyuu keessatti isin yaadachiisuudhaan qalbii keessan qulqulluu sana nan kakaasa.
2 Remember the words the holy prophets spoke beforehand, and the command of our Lord and Savior given through your apostles. Isin dubbii dur raajota qulqulluudhaan dubbatamee fi ajaja Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenyaa kan karaa ergamoota keessaniitiin dubbatame sana akka yaadattan nan barbaada.
3 Know this first: mockers will come in the last days, mocking, following their own lusts. Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa.
4 They will ask, "Where is his promised coming? Since the fathers fell asleep, everything continues as it has since creation's beginning." Isaanis, “ ‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii” jedhu.
5 They willfully ignore this: long ago, by our Father's word, heavens existed, and earth formed out of water and through water, Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan.
6 and through these the world of that time was deluged with water and perished. Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade.
7 By the same word, today's heavens and earth are stored up for fire, kept for the day of judgment and destruction of the wicked. Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.
8 Don't overlook this, loved ones: with our Father, one day is like 1,000 years, and 1,000 years like one day. Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.
9 Our Father isn't slow to keep his promise, as some think; he's patient with you, wanting no one to perish, but all to reach repentance. Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
10 But the day of our Lord Jesus will come like a thief: the heavens will vanish with a rushing sound, the elements will burn and melt, and the earth with all its works will be exposed. Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
11 Since all this will dissolve, what sort of people should you be? You should live holy lives, devoted to God, Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu;
12 as you wait for and hasten the coming of our Father's day, when the heavens will be set ablaze and dissolved, and the elements melt in the heat. kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa.
13 But as he promised, we wait for new heavens and a new earth, where righteousness lives. Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.
14 So, beloved, awaiting these things, strive to be found by him in peace, spotless and without defect. Kanaafuu yaa michoota jaallatamoo, isinis sababii waanuma kana eeggataniif akka warra xurii fi hirʼina hin qabne, warra nagaan isa wajjin jiraatan taataniif yaalii isinii dandaʼame hunda godhaa.
15 Regard our Lord's patience as salvation, just as our beloved brother Paul wrote you, with the wisdom given him, Akkuma Phaawulos obboleessi keenya jaallatamaan sun ogummaa Waaqni kenneefiin isinii barreesse sana akka obsi Gooftaa keenyaa fayyina taʼe yaadatti qabadhaa.
16 as in all his letters, where he speaks about these things. Some parts are hard to understand, and the ignorant and unstable twist them—as they do the other Scriptures—to their own destruction. Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.
17 So then, loved ones, knowing this in advance, guard yourselves, so you aren't swept away by the error of lawless people and lose your own firm standing. Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa.
18 Grow in the grace and knowledge of our Lord and Savior Jesus Christ. To him be glory, now and to the day of eternity. Amen. Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddadhaa. Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]