Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

1 John 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 My dear children, I write this so you won't sin. But if anyone does sin, we have an advocate before the Father—Jesus Christ, the righteous one. Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
2 He himself is the atoning sacrifice for our sins, and not ours only but also the whole world's. Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.
3 By this we know that we have come to know him: if we keep his commandments. Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna.
4 Whoever says, "I know him," yet doesn't keep his commands, is a liar—the truth isn't in him. Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru.
5 But whoever keeps his word, the love of our Father is truly complete in him. This is how we know we are in him: Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna;
6 Whoever claims to remain in him ought to walk in the very way he walked. namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.
7 Dear ones, I write you no new command, but an old one, held since the start—the old command is the word you heard. Yaa obboloota, ani ajaja moofaa isuma jalqabaa kaasee isin bira ture sana malee ajaja haaraa isinii hin barreessu. Ajajni moofaan kunis ergaadhuma isin dhageessan sana.
8 Again, I write you a new command—true in him and in you—because the darkness is passing and the true light already shines. Taʼus ani ajaja haaraa tokko isiniif nan barreessa; sababiin isaas dukkanichi darbaa, ifni dhugaa immoo waan amma iyyuu ifaa jiruuf dhugaan isaa isa keessattii fi isin keessatti ni mulʼata.
9 Anyone who says they're in the light but hates their brother or sister is in the dark even now. Namni ani ifa keessa jira ofiin jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu amma illee dukkana keessa jira.
10 Whoever loves his brother or sister abides in the light, and in him there is no cause for stumbling. Namni obboleessa isaa jaallatu hundinuu ifa keessa jiraata; wanni isa gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru.
11 But whoever hates his brother or sister is in the dark, walking in the dark, not knowing where he's going—the dark has blinded his eyes. Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira; dukkanuma keessa jiraatas; inni waan dukkanni sun isa jaamseef gara itti adeemu hin beeku.
12 I write to you, little children, because your sins are forgiven for his name's sake. Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif waan isinii dhiifameef ani isiniifin barreessa.
13 I write to you, fathers, because you know the One from the beginning. I write to you, young men, because you have defeated the evil one. Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif ani isiniifin barreessa. Yaa dargaggoota, isin waan isa hamaa sana moʼattaniif, ani isiniifin barreessa.
14 Children, I write because you know the Father. Fathers, I write because you know the One from the beginning. Young men, I write because you're strong, and our Father's word lives in you, and you've overcome the evil one. Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif, ani isiniifin barreessa. Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif, ani isiniifin barreessa. Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif, waan dubbiin Waaqaa isin keessa jiraatuuf, waan isa hamaa sanas moʼattaniif, ani isiniifin barreessa.
15 Do not love the world, or anything in the world. Whoever loves the world, the love of the Father is not in him. Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru.
16 Everything in the world—the craving of the flesh, the craving of the eyes, and the pride of life—is not from the Father but from the world. Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti.
17 The world and its cravings are passing away, but whoever does the will of our Father remains forever. Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.
18 Children, it is the last hour. As you heard antichrist comes, so now many antichrists have come; by this we know it's the last hour. Yaa ijoolle, saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa ti; akka farri Kiristoos sun dhufu akkuma dhageessan sana ammuma iyyuu farroonni Kiristoos baayʼeen dhufaniiru. Kanaanis nu akka saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa taʼe beekna.
19 They went out from us, but were not of us; if they had been of us, they would have stayed with us. But they left, to show that none of them belonged to us. Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise.
20 But you have an anointing from the Holy One, and you all know the truth. Isin garuu Isa Qulqulluu sanaan dibamtaniirtu; isin hundis dhugaa ni beektu.
21 I write to you not because you don't know the truth, but because you do—and no lie comes from the truth. Sababiin ani isinii barreessuuf waan isin dhugaa beektanii fi akka sobni tokko iyyuu dhugaa keessa hin jirres beektaniif malee waan isin dhugaa hin beekneef miti.
22 Who is the liar, if not the one denying Jesus is the Christ? This is the antichrist, denying the Father and the Son. Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana.
23 No one who denies the Son has the Father. Whoever confesses the Son has the Father also. Namni Ilma ganu kam iyyuu Abbaa illee hin qabu; namni waaʼee Ilmaa dhugaa baʼu hundinuu Abbaas qaba.
24 You—let what you heard from the start remain in you. If what you heard from the start remains in you, you too will remain in the Son and the Father. Wanni isin jalqabaa kaaftanii dhageessan sun isin keessa haa jiraatu. Yoo wanni jalqabaa kaaftanii dhageessan isin keessa jiraate, isinis Ilmaa fi Abbaadhaan ni jiraattu.
25 And this is the promise that he himself made to us—eternal life. Wanni inni waadaa nuu gale kanaa dha; kunis jireenya bara baraa ti.
26 I write these things to you about those who are trying to lead you astray. Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa.
27 As for you, the anointing you received from him remains in you, and you don't need anyone to teach you. But since his anointing teaches you about everything—true, not a lie—remain in him, just as it taught you. Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.
28 And now, little children, remain in him, so that when he appears we may have confidence and not shrink from him in shame at his coming. Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa.
29 If you know he's righteous, you also know that all who do right are born of him. Isin yoo akka inni qajeelaa taʼe beektan, akka namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu isa irraa dhalate ni beektu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]