Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

1 John 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 See what kind of love our Father has given us, that we should be called children of our Father! And we are. The world doesn't know us because it didn't know him. Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
2 Beloved, we are our Father's children now; what we will become has not yet been shown. But we know that when he appears, we will be like him, since we will see him as he is. Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.
3 And everyone who has this hope in him purifies himself, just as he is pure. Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
4 Everyone who keeps committing sin also commits lawlessness; sin is lawlessness. Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu seeratti ni fincila; cubbuun finciluudhaatii.
5 You know he appeared to take away our sins, and in him is no sin. Isin garuu akka inni cubbuu keenya balleessuudhaaf mulʼate ni beektu. Isa keessa cubbuun hin jiru.
6 Whoever remains in him doesn't go on sinning; whoever goes on sinning hasn't seen or known him. Namni isaan jiraatu kam iyyuu cubbuu hin hojjetu. Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu isa hin argine yookaan isa hin beekne.
7 Little children, let no one deceive you. Whoever practices righteousness is righteous, just as he is righteous. Yaa ijoolle, namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsin. Akkuma inni qajeelaa taʼe sana namni waan qajeelaa hojjetus qajeelaa dha.
8 Whoever keeps on sinning is of the devil, for the devil has been sinning from the beginning. The reason the Son of our Father appeared was to destroy the works of the devil. Namni cubbuu hojjetu kan diiyaabiloos; diiyaabiloos jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Waaqaa hojii diiyaabiloos diiguudhaaf mulʼateetii.
9 No one born of our Father keeps on sinning, because his seed abides in him; and he cannot keep on sinning, because he has been born of our Father. Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Waaqaa isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Waaqa irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu.
10 This shows who our Father's children are, and who the devil's children are: whoever doesn't do what's right isn't from our Father, nor is anyone who doesn't love their brother or sister. Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen diiyaabiloos kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Waaqaa miti.
11 For this is the message you have heard from the beginning: that we should love one another. Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, “Nu wal jaallachuu qabna” jedhuu dha.
12 Not like Cain, who belonged to the evil one and killed his brother. Why did he kill him? Because his own deeds were evil and his brother's were righteous. Isin akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee obboleessa isaa ajjeese sanaa hin taʼinaa; inni maaliif obboleessa isaa ajjeese? Sababii hojiin isaa jalʼaa taʼee, kan obboleessa isaa immoo qajeelaa taʼeef.
13 Do not be surprised, brothers and sisters, if the world hates you. Yaa obboloota ko, yoo addunyaan isin jibbe isin hin dinqin.
14 We know we've passed from death to life, because we love each other. Whoever doesn't love remains in death. Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata.
15 Everyone who hates his brother or sister is a murderer, and you know no murderer has eternal life remaining in him. Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu.
16 This is how we know love: Christ laid down his life for us; we too should lay down our lives for one another. Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.
17 But if anyone has the world's goods and sees his brother or sister in need, yet closes his heart to them, how does our Father's love remain in him? Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa?
18 Little children, let us not love with words or talk, but in deed and in truth. Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
19 By this we'll know we come from the truth, and settle our heart before him, Nus kan dhugaa taʼuu keenya kanaan beekna; fuula isaa durattis garaa keenya boqochiifna.
20 whenever our heart condemns us; for our Father is greater than our heart, and he knows everything. Yeroo garaan keenya nutti murutti Waaqni garaa keenya caalaa guddaa akka taʼe ni beeknaatii; inni waan hunda ni beeka.
21 Beloved, if our heart does not condemn us, we have confidence before our Father; Yaa michoota, yoo garaan keenya nutti muruu baate nu fuula Waaqaa duratti ija jabina qabna.
22 whatever we ask, we receive from him, because we keep his commands and do what pleases him. Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.
23 This is his command: believe in his Son Jesus Christ's name, and love one another as he commanded us. Ajajni isaas kana: kunis nu maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka amannuu fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannuuf.
24 Whoever keeps his commands remains in our Father, and our Father in them. This is how we know he remains in us: by the Holy Spirit he gave us. Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]