Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 7 guj

Show guj only
Verse × ×
1 My son, keep my words, and store up my commandments within you. Ilma kiyya, jecha kiyya eegadhu; ajaja kiyya gadhaa keeti keessatti qabadhu.
2 Keep my commandments and live; guard my teaching as the apple of your eye. Akka leetuuf, ajaja kiyya eeggadhu; barsiisa kiyyalle akka gumaa ila teetii eeggadhu.
3 Bind them on your fingers; write them on the tablet of your heart. Akka qube'ee quba keetitti keyadhu; gadhaa keeti keessatti barreeffadhu.
4 Say to wisdom, "You are my sister," and call understanding your dearest friend, Qarumma'aan, «Ati obboleettii tiyya» jedhi; hubantiille'een, «Ati fira kiyya» jedhii waami.
5 to keep you from the forbidden woman, from the stranger with her smooth words. Isaan dubartii gaarayyeeffattuu, ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattu irraa si eegan.
6 For at the window of my house I looked down through my lattice, Gaafa tokko ani karaa foddaa mana kiyyaatiin ala ilaalee,
7 and I saw among the naive, I noticed among the young men, a youth who lacked sense, worra yaadaan hin bilchaatin keessaa, dargaggoota oddu'uu, dargaggeessa qalbii hin qanne tokko dhagge.
8 passing through the street near her corner, taking the road to her house, Inni karaa cinaa mana dubartii takkaa geessu gula, gara mana isi'ii ideemiisatti jiraayyu.
9 in the twilight, as the day faded, in the dark of night and gloom. Yennaan sun aduun seentee, galgala dimimmisa halkan dukkana keessa.
10 And there a woman comes to meet him, dressed like a prostitute, with cunning in her heart. Achiin duuba dubartittiin gad isatti baate; isiin akka sagaagaltu'uu uffattee nama dokonkorsiisaaf mala qaddiiyyu.
11 She is loud and defiant; her feet will not stay at home. Isiin ta ila gad hin qabanne, mati-jabeetti'i; isiin ijjumaa mana hin teettu.
12 Now in the street, now in the squares, she lurks at every corner. Takka karaa irra, takka woldeennaa kara'aa irra cinaa karaa maraa irra dhaabbattee eeggatti.
13 She grabs him and kisses him, and with a brazen face she says to him: Isiin isa qaddee, sunqattee, fokkoo malee, isaan,
14 "I had peace offerings to bring; today I have paid my vows. «Ani kennansa tokkumma'aa qaba; adha waan waadaa gale muummesseera.
15 So I came out to meet you, to look for you eagerly, and I have found you. Maarre ani si fudhatiisaaf gad baye; ani si dhaggiisaaf dharra'eeruun, kunoo si dhagge.
16 I have spread my bed with coverings, with colored linens from Egypt. Ani woyaa quncee talba'aa ta biyya Gibxi'iititti seefantee hujante, taqee tiyya irra afeera.
17 I have perfumed my bed with myrrh, aloes, and cinnamon. Taqee tiyyatti fiqiree, qumbii, dakkaraa fi qurunfudii irraa hujante itti biifeera.
18 Come, let us drink deep of love until morning; let us lose ourselves in love. Koy, haga latti bariitutti jaalala keenna dheebuu baanaa ti; jaalalaan ifii gammachiinnaa ti.
19 For my husband is not at home; he has gone on a long journey. Dhirsi kiyya mana hin jiru; inni fagoo deemeera.
20 He took a bag of money with him and will not come home until the full moon." Inni beesee guddoo fudhatee deemeera; haga ji'i goobanutti deebi'ee hin galu» jette.
21 With all her persuasive words she sways him; with her smooth lips she draws him in. Isiin jechoota gammachiisuun karaa irraa isa gorsite; dubbii damma dibiisaan isa dokonkorsite.
22 All at once he follows her, like an ox going to the slaughter, like a deer stepping into a snare, Yoosuma inni akka sangaa gara qalamu deemuu, akka gadansa gara fonxoro'oo deemuu, isii gula deeme.
23 until an arrow pierces its liver; like a bird darting into a trap, he does not know it will cost him his life. Haga daayi tiruu isaa woraanutti, akka sinbirreen kaatee tiyyoo seentu, innille wonni kun lubbuu isaatitti akka dhuttu hin beenne.
24 Now then, my sons, listen to me, and pay attention to what I say. Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa'a; waan ani jedhulle itti xiyyeeffadha'a.
25 Do not let your heart turn aside to her ways; do not wander into her paths. Gadhaan keessan gara karaa isi'ii hin deebi'in; daandii isi'ii gula ideentanee karaa irraa hin gorina'a.
26 For she has brought down many victims; her slain are a mighty multitude. Isiin namoota hedduu madeessitee jissiteerti; namoota bindillaalle ijjeetteerti;
27 Her house is the road to the grave, going down to the chambers of death. Manni isi'ii karaa addee worri du'e jiru, ka gara awwaalaa gad geessu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]