Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 6 guj

Show guj only
Verse × ×
1 My son, if you have put up security for your neighbor, if you have shaken hands in pledge for a stranger, Ilma kiyya, namaaf wobii yoo teete, marroo nama dhibi'iitiif harka wol dhowatiisaan waadaa yoo galte,
2 you have been snared by the words of your mouth, caught by the words of your mouth. woma dubbatteen tiyyoo yoo seente, jechuma afaan keetii bayeen yoo qabante,
3 Then do this, my son, and free yourself, for you are now at your neighbor's mercy: go, humble yourself, and plead with your neighbor. ilma kiyya, harka nama sanii waan seenteef, ifi baasiisaaf, gara nama sanii dhaqiitii, gad ifi qabi; akka inni wobummaa san si irraa buusuuf isa gaafadhu.
4 Give no sleep to your eyes, no slumber to your eyelids. Adoo tana hin godhin hin rafin; hirriibi ila teeti irra hin marin.
5 Free yourself like a gazelle from the hand, like a bird from the hand of the trapper. Akka gadansi worra adansu jalaa, sinbirreen tiyyoo jalaa miliqanu, atille ifi baasi.
6 Go to the ant, you sluggard; consider her ways and be wise. Ati namicha booseya, me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali; mala isaa ilaaliitii qaroo te'i.
7 Without having any chief, officer, or ruler, Isaan sooressa, toowataa yookiin bulchaa hin qabanu;
8 she prepares her bread in summer and gathers her food in harvest. te'uu malee sagalee ifii ta bonaa, waan isaaniif barbaachisu yennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan.
9 How long will you lie there, sluggard? When will you arise from your sleep? Ati namichi boosenni haga yoomii achi ratta? Ati yoom hirriibaa kaata?
10 A little sleep, a little slumber, a little folding of the hands to rest, Ati diqqoo adoo rattuu, diqqoo adoo mudduu, foorfatiisaafille diqqoo adoo harka wol irra naqattuu,
11 and poverty will come upon you like a robber, and scarcity like an armed man. hiyyummaan akka saantu'uu, akka nama meya woraanaa hidhatee, sitti hin dhufa.
12 A worthless person, a wicked man, goes about with crooked speech, Nami gadhe'ee fi nami hamaan, ka dubbii micciiraa asii fi achi deemu,
13 winks with his eyes, signals with his feet, points with his fingers, ka ilaan qiphifatu, ka miilaan beessisa kennu, ka qubaan akeeku,
14 with perverted heart he devises evil, continually sowing discord; ka gadhaa ifii keessatti mala hamaa dhowu, yennaa mara lola kaasa.
15 therefore calamity will come upon him suddenly; in a moment he will be broken beyond healing. Tanaaf balaan dedhuma isatti hin bu'a; yoosuma cabiisa hin fayyine caba.
16 There are six things our Father hates, seven that are detestable to him: Wonni jaa ta Mootiin Waan Maraa jibbu, torbeessoon ta inni dhiqatu jiran;
17 haughty eyes, a lying tongue, and hands that shed innocent blood, isaan kun ila tuffi'ii, arraba dharaa, harka dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasu,
18 a heart that devises wicked plans, feet that hurry to run to evil, gadhaa waan hantuu yaadu, miila gara waan hantu'uu fiigu,
19 a false witness who breathes out lies, and one who sows discord among brothers. nama dharaan nama irratti dhugaa bayu, ka obboleeyyan oddu'utti lola kakkaasu.
20 My son, keep your father's commandment, and do not forsake your mother's teaching. Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu; barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.
21 Bind them on your heart always; tie them around your neck. Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu; morma keetille'etti hidhadhu.
22 When you walk, they will lead you; when you lie down, they will watch over you; and when you awake, they will talk with you. Isaan yennaa ati ideentu si sooressan; yennaa rattu si eegan; yennaa ati dammaxxu si'itti dubbatan.
23 For the commandment is a lamp and the teaching a light, and the reproofs of discipline are the way of life, Ajaji kun issa'a; barsiisi kunille ifa; qajeelfamaan sirreeffamiis karaa jiru'uu ti.
24 to keep you from the evil woman, from the smooth tongue of the adulteress. Dubartii hantuu irraa, arraba lallaafaa dubartii gaarayyeeffatitti'ii irraa si eega.
25 Do not desire her beauty in your heart, and do not let her capture you with her eyelashes; Gadhaa keeti keessatti dansummaa isi'ii hin halchin; ilti isi'ii si hin booji'in.
26 for the price of a prostitute is only a loaf of bread, but a married woman hunts down a precious life. Gatiin dubartii sagaagaltitti'ii haga xaltaa daabbo'oo ti; dubartiin gaarayyeeffattuun ammoo gatii jiruu teetii si kaffalchiitti.
27 Can a man carry fire next to his chest and his clothes not be burned? Nami ibidda boba'atti qabatee, woyaan isaa adoo hin gubatin hafuu dandeettu hin jiraa?
28 Or can one walk on hot coals and his feet not be scorched? Yookiin nami kashila irra ijjatee, miilli isaa adoo hin gubatin hafuu dande'u hin jiraa?
29 So is he who sleeps with his neighbor's wife; none who touches her will go unpunished. Nami niitii namaa woliin rafulle akkasuma te'a; nami niitii namaa tuqee adoo hin adabamin hafu hin jiru.
30 People do not despise a thief if he steals to satisfy his appetite when he is hungry, Hattichi yennaa beelote, beela ifii bayiisa qofaaf yoo hate, nami isa hin tuffatu.
31 but if he is caught, he will pay sevenfold; he will give all the goods of his house. Yoo qabame ammoo, qabeenna inni qabu mara gaafattulle, dachaa torba godhee kaffalaa motii ree?
32 He who commits adultery lacks sense; he who does it destroys himself. Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu; nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa.
33 He will get wounds and dishonor, and his disgrace will not be wiped away. Inni mada'aa fi salphinna hin dhaggata; qaaniin ijjumaa isa irraa hin baddu.
34 For jealousy makes a man furious, and he will show no mercy in the day of vengeance. Hinaaffaan abbaa manaa waan aarsituuf, inni yennaa haluu bayu marartii hin qabu.
35 He will accept no compensation; he will refuse no matter how large the bribe. Inni kaffaltii tokkolle hin fudhatu; haga fedhe bacatulle, kennansi aarii isaa hin qabbaneessu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]