Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 25 guj

Show guj only
Verse × ×
1 These also are proverbs of Solomon, which the men of Hezekiah king of Judah copied out. Isaan kunille fakkeenna Solomoonii ka dhibii, ka qondaaltoti Hisqiyaasii mootii Yihuda'aa barreeffama irraa garagalchane.
2 It is the glory of our Father to conceal a matter, but the glory of kings to search a matter out. Gofa woyii dhossuun ulfinna Waaqaa ti; gofa woyii qoratanee baasuun ulfinna moototaa ti.
3 As the heavens are high and the earth is deep, so the heart of kings is unsearchable. Akkuma ol-gubbaan ol fagaattu akkuma lattille gaddi fagaattu, yaadi moototaalle qorqoramuu hin dande'u.
4 Take away the dross from the silver, and a vessel comes forth for the refiner. Ka meetii irraa meya huju meetii qulluu akka qabaatu, ati meetii san irraa xurii kaasi.
5 Take away the wicked from before the king, and his throne will be established in righteousness. Barcumaan mootumma'aa balchumma'aan akka dhaabbatu, nama hamaa addee mootiin jiruu kaasi.
6 Do not put yourself forward in the king's presence, and do not stand in the place of the great; Mootii duratti ol ifi hin qabin; nama guddaa ifi hin fakkeessin.
7 for it is better to be told, "Come up here," than to be put in a lower place in front of a noble you can see. Mootichi nama guddaa duratti addee gad aantuu sii kenniisaa mannaa, addee ol aantuu sii kennu woyya.
8 Do not rush into a quarrel, for what will you do in the end when your neighbor puts you to shame? Waan tokko ilumaan dhaggite'eef ariifattee gara mura'aa hin dhikeessin; nami dhibiin dokonkora keeti yoo mirkaneesse, ati dhuma irratti maan teeta ree?
9 Argue your case with your neighbor himself, but do not disclose another's secret, Haajaa keetiif nama woliin yennaa falmattu, gofa nama dhibi'ii hin mudhisin.
10 lest the one who hears it shame you, and your bad reputation never goes away. Yoo akkas hin te'in nami waan kana dhage'u si qaanessa; maqaan keeti ka bade sun ijjumaa si'iif hin deebi'u.
11 A word spoken at the right moment is like apples of gold in settings of silver. Dubbiin yennaa isi'iititti dubbatantu, akka quumhaa worqi'ii ka qorii meeti'ii keessaa ti.
12 Like a ring of gold or an ornament of fine gold is wise correction to a listening ear. Xixxaan nama qaro'oo nama isa dhage'uuf, akka worqii gurraa yookiin meya seesaa ka worqii qulluu irraa hujamee ti.
13 Like the cold of snow in the time of harvest is a faithful messenger to those who send him; he refreshes the soul of his masters. Bisaan dhakaa roobaatiin qabbanowe, yennaa midhaan galcha'aa akkuma gadhaa namaa qabbaneessu, ergantooti addatamootille nama isaan ergatuuf akkasuma; isaan yaada goottolee ifii hin foorfachiisan.
14 Like clouds and wind without rain is one who boasts of a gift never given. Nami kennansa namaaf hin kennineen ifi jaju, akka duumensaa fi qilleensa bokkeya hin qannee ti.
15 By patience a ruler is persuaded, and a soft tongue breaks bone. Nami ossa qabu bulchaa biyyaa tokko gadhaa hin laaffifata; arrabi dansaan nama mataa jabaatu laaffisa.
16 If you find honey, eat only enough, or you will have too much and vomit. Damma yoo dhaggatte, haga si'iif barbaachisu qofa nyaadhu; akka malee nyaattu si diddissa.
17 Don't visit your neighbor's house too often, or he will grow weary of you and hate you. Si bagee waan si jibbuuf, miilli keeti mana ollaa keetiititti hin daandin.
18 Like a club, a sword, and a sharp arrow is one who bears false witness against his neighbor. Nami dharaan dhugaa nama irratti bayu, akka ulee jirmaa yookiin akka shallaaga'aa yookiin akka daaya qara qabuu ti.
19 Like a bad tooth or a foot out of joint is trust in a faithless person in time of trouble. Rakkinna keessa nama hin addatannetti addatiis, akka nama ilkaan tacho'etti yookiin miila laashowetti addatuu ti.
20 Like one who takes off a garment on a cold day, like vinegar poured on baking soda, is the one who sings songs to a heavy heart. Nama gaddeef faaruu faarsuun, akka nama guyyaa boojji'ii woyaa isaa isa irraa fuudhanee ti yookiin akka soodda mada'atti naqanee ti.
21 If your enemy is hungry, give him bread to eat, and if he is thirsty, give him water to drink; Diinni keeti yoo beelote sagalee nyaatu kenniif; yoo dheebotelle bisaan unu kenniif.
22 for you will heap coals of fire on his head, and our Father will reward you. Tana godhiisaan gaabbee akka inni qaanowu hin goota; Mootiin Waan Maraalle gatii si'iif hin kaffala.
23 The north wind brings forth rain, and a secretive tongue, angry looks. Akkuma qilleensi kaabaa bokkeya fidu, arrabi hamatu ila aari'iin nama ilaaltu hin fida.
24 It is better to live in a corner of the rooftop than in a shared house with a quarrelsome wife. Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa, roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.
25 Like cold water to a weary soul is good news from a distant land. Oduun dansaan biyya fago'oo, akkuma bisaan qabbanowaa lubbuu dheebotte dheebuu baasuu ti.
26 Like a muddied spring or a polluted fountain is a righteous person who gives way before the wicked. Nami balchaan nama hama'aaf karaa kennu, akka madda boorayee, yookiin akka bisaan boollaa ka xurayee ti.
27 It is not good to eat too much honey, nor to seek your own glory. Damma akka malee nyaatiis dansa'aa moti yookiin ulfinna mataa ifii barbaadatiisi ulfinnaa moti.
28 Like a city broken into and left without walls is a person who has no control over his own spirit. Nami ifi qabatiisa hin dandeenne, akka qachaa guddicha dalleenni dhaka'aa irraa jigee ti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]