Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 26 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Like snow in summer and like rain at harvest, honor is not fitting for a fool. Dhakaan roobaa bona keessa, bokkeenni yennaa midhaan galfatanuuf akkuma hin teene, ulfinnille gowwa'aaf hin te'u.
2 Like a fluttering sparrow or a darting swallow, an undeserved curse does not come to rest. Abaarsi akkasumaan nama abaaranu, akkuma sinbirroota koolaan asii fi achi kaatuu ti malee, nama tokkolle hin miidhu.
3 A whip for the horse, a bridle for the donkey, and a rod for the backs of fools. Licheen fardaaf, bixaalli gaange'eef akkuma barbaachisu, uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachitti.
4 Do not answer a fool according to his foolishness, or you yourself will be like him. Atinuu akka isaa akka hin teene, gowwa'aaf akka gowwummaa isaatitti deebii gowwittii hin deebisin.
5 Answer a fool according to his foolishness, or he will be wise in his own eyes. Nami gowwaan qaroo akka ifi hin seene, akkuma gowwummaa isaatitti deebii isaaf kenni.
6 Whoever sends a message through a fool cuts off his own feet and drinks down violence. Nami nama gowwaa ergatu, akka nama miila ifi irraa muree rakkinna ifitti fiduu ti.
7 Like the legs of a lame man hanging useless is a proverb in the mouth of fools. Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, akka miila naafatee rarra'uu ti.
8 Like binding a stone in a sling is giving honor to a fool. Nama gowwa'aaf ulfinna kenniis, akka nama looyya'atti dhakaa hidhuu ti.
9 Like a thornbush in the hand of a drunkard is a proverb in the mouth of fools. Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, akka qoree harka nama machowa'aa keessa jirtuu ti.
10 Like an archer who wounds everyone is one who hires a fool or hires any passerby. Nami nama gowwaa yookiin nama karaa deemu qaxaru, akka nama daaya akkuma dhagge darbatee nama dhagge madeessuu ti.
11 As a dog returns to its vomit, so a fool repeats his foolishness. Sareen diddiga ifiititti akkuma deebitu, gowwaalle gowwummaa ifiititti hin deddeebi'a.
12 Do you see someone wise in his own eyes? There is more hope for a fool than for him. Nama qaroo ifi sewu dhaggiteertaa? Isa caalaa gowwa'atti addii qaba.
13 The lazy person says, "There is a lion in the road! A lion in the streets!" Nami booseyi, «Neenqi karaa keessa jira! Neenqi karaa guddaa keessa jira» jedha.
14 As a door turns on its hinges, so the lazy person turns on his bed. Miilli saanqa'aa iloo keessa akkuma garagaggalu, nami booseyille taqee ifii irra garagaggala.
15 The lazy person buries his hand in the dish; it wearies him to bring it back to his mouth. Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya; garuu gara afaan ifii deebifatiisa guddoo dadhaba.
16 The lazy person is wiser in his own eyes than seven who answer wisely. Nami booseyi, namoota torba ka hubanti'iin deebii deebisanu caalaa qaroo ifi seya.
17 Like grabbing a dog by the ears is a passerby who meddles in a quarrel not his own. Nami akkasumaan dubbii namaa keessa galu, akka nama saree karaa ideentu gurra qabuu ti.
18 Like a madman shooting firebrands, arrows, and death, Akkuma maraataan umeessaa ibiddaatii fi daaya nama ijjeesu namatti gad lakkisu,
19 so is the one who deceives his neighbor and says, "I was only joking!" nami nama gowwoonsee, «Ani hin taphadhe» jedhulle akkasuma.
20 Without wood a fire goes out, and without a gossip a quarrel dies down. Qoraan yoo hin jiraatin ibiddi hin dhaama; hamiin yoo hin jiraatin lolli hin hafa.
21 As charcoal to embers and wood to fire, so a quarrelsome person kindles strife. Cileen kashila, muki ibidda akkuma gabbisu, nami dubbii tuttuqu lola kaasa.
22 The words of a gossip are like choice morsels; they sink down into the inmost parts. Jechi hami'ii akka tuuqata mi'owuu ti; gara keessa namaa gad seena.
23 Like a glaze covering an earthen pot are smooth lips with an evil heart. Nami afaan ifiitiin dansaa fakkaatee, gadhaa ifii keessaa yaada hamaa qabu, akka meya faaraa ka meetii itti gonfanee ti.
24 An enemy disguises himself with his lips, but in his heart he harbors deceit. Nami kijibu afaaniin nama sossoba; gadhaa ifiitiin hantuu yaadata.
25 When he speaks graciously, do not believe him, for seven abominations fill his heart. Yaadi hamaan torba waan gadhaa isaa keessa guuteeruuf, yennaa inni afaan laafee dubbatu, isa hin dhugeeffatin.
26 Though his hatred is hidden by deceit, his wickedness will be exposed in the assembly. Kijibummaa ifii maltumma'aan dhoffatulle, hammeenni isaa ammoo gumii keessatti diidatti hin baya.
27 Whoever digs a pit will fall into it, and a stone rolls back on the one who rolls it. Nami boolla namaaf qotu, ifumaafuu keessa hin bu'a. Nami dhakaa namatti konkolaachisulle, dhakaan sun deebi'ee isuma irra hin konkolaata.
28 A lying tongue hates those it crushes, and a flattering mouth works ruin. Arrabi dharaamessi worruma ifiifuu miidhe jibba; afaan sobaan kookkisulle badii namatti fida.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]