Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Proverbs 24 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Do not envy evil men, and do not desire to be with them, Namoota hamoolee hin hinaafin; jaalummaa isaanii hin halchin.
2 for their hearts plot violence, and their lips speak of trouble. Gadhaan isaanii hunnaan nama irratti ka'iisa yaada; afaan isaaniille marroo maltumma'aa dubbata.
3 By wisdom a house is built, and by understanding it is established; Manni qarumma'aan ijaarama; hubantiille'een jabeeffama.
4 and by knowledge its rooms are filled with all precious and pleasant riches. Beekkumsaan kollooti mana sanii meya gatii guddo'ootii fi meya dadansa'aan guutaman.
5 A wise man is full of strength, and a man of knowledge increases his power, Nami qaroon hunna jadduu qaba; nami beekkumsa qabulle jabeenna dabalata.
6 for by wise guidance you can wage your war, and victory comes through many counselors. Lolaaf bayiisaaf qajeelcha, injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa.
7 Wisdom is too high for a fool; at the gate, he has nothing to say. Nama gowwa'aaf qarummaan akka malee ol fagaatti; inni addee mari'ii keessatti afaan ifii hin saaqatu.
8 Whoever plans to do evil will be called a schemer. Nami waan hantuu godhiisaaf mala dhowu, inni, «Malticha» jedhamee beekkama.
9 A fool's scheming is sin, and the scoffer is detestable to people. Malli gowwa'aa cubbu'u; namooti nama murgu hin jibban.
10 If you falter in a time of trouble, your strength is small. Ati bara rakko'oo keessa yoo raafante, jabeenni keeti attam attam diqqa'a!
11 Rescue those being taken away to death, and hold back those stumbling toward the slaughter. Worra gara du'aa geeffamanu baasi; worra gara qalamiisaa tintimanu deebisi.
12 If you say, "Look, we did not know this," does not he who weighs the heart perceive it? Does not he who watches over your soul know it? And will he not repay each person according to his deeds? Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette, ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree? Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree? Inni nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree?
13 My son, eat honey, for it is good, and the honeycomb's drippings are sweet to your taste. Ilma kiyya, dammi dansaa waan te'eef, damma nyaadhu; nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi'ootti.
14 Know that wisdom is just like this to your soul; if you find it, there is a future, and your hope will not be cut off. Qarummaalle lubbuu teetiif akkuma san akka mi'oottu beeki; ati yoo isii dhaggatte, gara fuula duraa addii qadda; addiin teetille hin baddu.
15 Do not lie in wait, you wicked man, against the home of the righteous; do not destroy his resting place, Akka nama hama'aa mana nama balcha'aa dhokattee hin gaadin. Mana isaa irralle'etti hunnaan hin ka'in.
16 for though the righteous falls seven times, he rises again, but the wicked stumble in disaster. Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a; nami hamaan ammoo badii keessa bu'a.
17 Do not rejoice when your enemy falls, and do not let your heart be glad when he stumbles, Yennaa diinni keeti jigu hin gammadin; yennaa inni gufatulle gadhaan keeti hin firinxiixin.
18 lest our Father see it and be displeased, and turn his anger away from him. Itti gammadiisa keeti yoo dhagge, Mootiin Waan Maraa hin jaalatu; aarii ifii isa irraa hin deebisa.
19 Do not fret because of evildoers, and do not envy the wicked, Waan namooti hamaan hujanu hin qoxxisin; yookiin hamoolee hin hinaafin.
20 for the evil man has no future; the lamp of the wicked will be snuffed out. Nami hamaan addii gara fuula duraa hin qabu; issaan nama hama'aalle hin dhaama.
21 My son, fear our Father and the king, and do not join with those who rebel against them, Ilma kiyya, Mootii Waan Maraatii fi mooticha sodaadhu; worra finqilaa woliin jaala hin te'in.
22 for their disaster will rise suddenly, and who knows the ruin that both of them can bring? Mootiin Waan Maraatii fi mootichi dedhuma badii worra finqilaa irratti hin fidan; badii isaan fidanu eentu beeka ree?
23 These also are sayings of the wise: Showing partiality in judgment is not good. Isaan kunille jecha qaro'oo ti: Muraa keessatti nama wol caalchisuun dansa'aa moti.
24 Whoever says to the guilty, "You are innocent," peoples will curse him and nations will denounce him, Nama hama'aan, «Ati yakkaa hin qaddu» nama jedhu, kolbaan hin abaarti; gosi biyya adda addaalle hin jibbiti.
25 but it will go well for those who convict the guilty, and a rich blessing will come upon them. Worra nama hamaa xixuuf ammoo wonni dansaan hin teeti; eebbi dansaalle isaan irratti hin bu'a.
26 An honest answer is like a kiss on the lips. Deebii dhuga'aa deebisuun, akka sunqaa hidhi'ii ti.
27 Prepare your work outside, get your fields ready, and after that build your house. Hujii alaa fixadhuu, fichaa keeti qopheeffadhu; achiin duuba mana keeti ijaaradhu.
28 Do not be a witness against your neighbor without cause; would you deceive with your lips? Sababa malee nama irratti dhugaa hin bayin yookiin hidhii teetiin nama hin sobin.
29 Do not say, "I will do to him as he did to me; I will pay the man back for what he has done." Ati, «Waanuma nami na godhe, anille isa hin godha; gatuma hujii isaa isaaf hin deebisa» hin jedhin.
30 I passed by the field of a lazy man, by the vineyard of someone lacking sense, Ani fichaa nama booseyaa keessa, oorruu woyni'ii ta nama qalbii hin qannee keessa dabaree deeme.
31 and there it was, all overgrown with thorns; the ground was covered with weeds, and its stone wall was broken down. Addee mara qoreen itti latteerti; shuqunaan lafa golliteerti; dalleenni dhaka'aalle irraa jigeera.
32 Then I looked and took it to heart; I saw and received instruction. Ani waan kana ilaalee itti yaadee, waan dhagge kana irraa barumsa dhaggadhe:
33 A little sleep, a little slumber, a little folding of the hands to rest, Ati yennaa diqqoo isi'ii rafii, yennaa diqqoo isi'ii mugii, foorfatiisaaf yennaa diqqoo isi'ii harka wol irra naqadhu.
34 and poverty will come upon you like a robber, and scarcity like an armed man. Garuu hiyyuun akka saantu'uu, beelti akka nama meya lolaa hidhatee sitti hin dhufan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]