Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 17 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Better a dry crust eaten in peace than a house full of feasting with strife. Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa, iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya.
2 A prudent servant will rule over a disgraceful son and will share the inheritance among the brothers. Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
3 The crucible is for silver and the furnace for gold, but our Father tests hearts. Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef; Rabbii Allaahan garuu garaa namaa qora.
4 An evildoer listens to wicked lips; a liar listens to a destructive tongue. Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata; sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.
5 Whoever mocks the poor insults his Maker; whoever gloats over disaster will not go unpunished. Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.
6 Grandchildren are the crown of the aged, and the glory of children is their parents. Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha; haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
7 Fine speech is not fitting for a fool—still less are lying lips for a noble. Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu; hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree!
8 A bribe seems like a magic charm to the one who gives it; wherever he turns, he thinks he will succeed. Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti; inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa.
9 Whoever covers an offense seeks love, but whoever keeps bringing it up separates close friends. Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
10 A rebuke goes deeper into a person of understanding than one hundred blows into a fool. Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama.
11 A rebellious man seeks only evil, and a cruel messenger will be sent against him. Namni hamaan fincila qofa barbaada; malaʼikkaan namaa hin naane isatti ni ergama.
12 Better to meet a bear robbed of her cubs than a fool in his foolishness. Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya.
13 If anyone returns evil for good, evil will never leave his house. Nama qooda gaarii hamaa deebisu, hamminni mana isaa keessaa hin baʼu.
14 Starting a quarrel is like breaching a dam, so drop the dispute before it bursts out. Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti; kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi.
15 Whoever justifies the wicked and whoever condemns the righteous—both alike are detestable to our Father. Rabbii Allaahan waan kana lachuu ni balfa; kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi nama balleessaa hin qabnetti muruu dha.
16 Why should a fool have money in hand to buy wisdom, when he has no heart to learn? Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef, maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba?
17 A friend loves at all times, and a brother is born for a time of trouble. Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
18 One who lacks sense shakes hands on a pledge and puts up security for his neighbor. Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata; fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa.
19 Whoever loves wrongdoing loves strife; whoever builds his gate high invites destruction. Namni lola jaallatu cubbuu jaallata; namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama.
20 A crooked heart finds no good, and a twisted tongue falls into trouble. Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu; kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena.
21 Whoever fathers a fool brings grief on himself; the father of a godless fool has no joy. Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; abbaan ilma gowwaas hin gammadu.
22 A joyful heart is good medicine, but a crushed spirit dries up the bones. Garaan gammadu qoricha gaarii dha; hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
23 A wicked man takes a bribe in secret to pervert the ways of justice. Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata.
24 A discerning person keeps wisdom in view, but the eyes of a fool wander to the ends of the earth. Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata; iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.
25 A foolish son is a grief to his father and bitterness to the mother who bore him. Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
26 To punish the righteous is not good, nor to flog the noble for their integrity. Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti; qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti.
27 Whoever holds back his words has knowledge, and one with a calm spirit is a person of understanding. Namni beekaan of qusachaa dubbata; namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba.
28 Even a fool who keeps silent is thought wise; when he closes his lips, he seems discerning. Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]