Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Malachi 4 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dhufaatii Guyyaa Rabbii Allaah

1“Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba” jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. “Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu. 2Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu. 3Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu” jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

4“Seera garbicha koo Muusaa, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa.

5“Kunoo ani, guyyaan Rabbii Allaah inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Iliyaas nabiiʼiyyicha isiniif nan erga. 6Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]