Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Job 4 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Eliifaaz

1Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:

2“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa?Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?

3Ati akka nama baayʼee barsiifte,akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.

4Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera;atis jilba laafe jabeessiteerta.

5Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta;rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;

6Allaah sodaachuun kee irkoo kee,qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?

7“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa?Qajeelonni eessatti badanii beeku?

8Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan,kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.

9Isaanis hafuura Allaahan isaanitti baafatuun badu;hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.

10Leenci ni aada; ni gururiʼas;ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.

11Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa;ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.

12“Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame;gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.

13Abjuu halkanii sodaachisaa keessa,yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,

14sodaa fi hollachuun na qabateelafee koo hunda raase.

15Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe;rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.

16Innis ni dhaabate;ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye.Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate;anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:

17‘Namni duʼa hin oolle, Allaah caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?

18Allaahan tajaajiltoota isaa hin amanatu;malaʼikkoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;

19yoos warri manneen suphee keessa jiraatan,warri hundeen isaanii biyyoo taʼe,warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?

20Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu;tasumas bara baraan ni badu.

21Akka isaan ogummaa malee duʼaniiffunyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]