Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Zechariah 13 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Cubbuu Irraa Qulqullaaʼuu

1“Gaafas mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem cubbuu fi xuraaʼummaa irraa akka qulqulleessuuf burqaan tokko ni banama.

2“Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa. 3Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu.

4“Guyyaa sana raajiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa raajii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu. 5Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee raajii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha. 6Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna kee irraa kun maali?’ jedhee gaafate, inni, ‘Madaan kun madaa ani mana michoota kootti madaaʼee dha’ jedhee deebisa.

Tikseen Ni Rukutama, Hoolonni ni Bittinnaaʼu

7“Yaa goraadee, tiksee kootti,nama natti dhiʼaatu sanatti kaʼi!” jedhaWaaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.“Ati tiksee rukuti;hoolonni ni bittinneeffamu;anis harka koo warra xixinnaatti nan deebifadha.

8Lafa hunda irratti” jedha Waaqayyo,“Harka sadii keessaa harki lama rukutamee bada;taʼus harka sadii keessaa harki tokko achitti hafa.

9Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa;akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa;akka warqeetti isaan nan qora.Isaan maqaa koo ni waammatu;anis deebii nan kennaaf;ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha;isaan immoo, ‘Waaqayyo Waaqa keenya’ jedhu.”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]