Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Micah 7 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dhiphachuu Israaʼel

1Anaaf wayyoo!Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananittiwayinii walitti qabu tokkoo taʼeera;hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru;iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.

2Namni gaariin lafa irraa badeera;namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne.Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu;tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.

3Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera;bulchaan kennaa barbaada;abbaan murtiis mattaʼaa fudhata;namni humna qabu waanuma fedhe dubbata;hundi isaanii walii wajjin malatu.

4Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti;inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala.Guyyaan eegdota keetii,guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera.Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.

5Ollaa hin amanatin;michuus hin abdatin.Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuuarraba kee eeggadhu.

6Ilmi abbaa isaa tuffata;intalli haadha isheetti,niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati;diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.

7Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha;fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha;Waaqni koo na dhagaʼa.

Israaʼel ni Kaati

8Yaa diina koo natti hin gammadin!Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa.Ani dukkana keessa taaʼu iyyuuWaaqayyo ifa naaf taʼa.

9Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef,hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessuttidheekkamsa Waaqayyoo nan baadha.Inni ifatti na baasa;anis qajeelummaa isaa nan arga.

10Ergasii diinni koo isheen,“Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sunwaan kana argitee qaaniin haguugamti.Iji koo kufaatii ishee ni arga;Isheen amma iyyuu miilla jalattiakkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.

11Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu,guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.

12Gaafas namoonniAsoorii fi magaalaawwan Gibxi,Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu,galaanaa hamma galaanaatti,tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.

13Sababii jiraattota isheetii fisababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.

Kadhannaa fi Galata

14Uummata kee, bushaayee dhaala keetiikanneen ofumaan bosona keessa,lafa dheedaa gabbataa irra jiraatanulee keetiin tikfadhu.Isaan akkuma bara duriittiBaashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.

15“Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaadinqii koo isaan nan argisiisa.”

16Saboonni arganii ni qaanaʼu;humna ofii hunda iyyuu ni dhabu.Isaan afaan isaanii qabatu;gurri isaaniis ni duuda.

17Isaan akkuma bofaa,akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu.Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu;Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaandeebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.

18Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbeeballeessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?Ati araara gochuutti gammadda maleebara baraan hin dheekkamtu.

19Ati deebitee garaa nuu laafta;cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiitteeballeessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.

20Ati akkuma bara duriiabbootii keenyaaf kakatte sanaYaaqoobiif amanamaa taata;Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]