Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Joel 1 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.

Weerara Hawwaannisaa

2Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa;warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa.Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessayookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?

3Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa;ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan;ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.

4Waan tuunni hawwaannisaa dhiise,hawwaannisni guddaan fixe;waan hawwaannisni guddaan dhiise,hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe;waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoohawwaannisni biraa dhufee nyaate.

5Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa!Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa;sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa;inni afaan keessan irraa butameeraatii.

6Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokkobiyya koo weerareera;inni ilkaan leencaa,qarriffaa leenca dhalaa qaba.

7Inni muka wayinii koo onseeharbuu koos barbadeesseera.Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gateedameelee isaanii duwwaa hambise.

8Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffatteedhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.

9Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuunmana Waaqayyoo irraa citaniiru.Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilanbooʼaa jiru.

10Lafti qotiisaa oneera;laftis gogeera;midhaan barbadaaʼeera;daadhiin wayinii haaraan dhumeera;zayitiinis dhabameera.

11Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa;warri wayinii dhaabbattan booʼaa;sababii midhaan lafa qotiisaa keessaniibarbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.

12Wayiniin gogeera;harbuunis coollageera;roomaaniin, meexxii fi hudhaan,mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.Dhugumaan gammachuun ilmaan namaairraa badeera.

Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu

13Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa.Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltankottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa;kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuunmana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.

14Sooma qulqulluu labsaa;waldaa qulqulluu waamaa.Maanguddootaa fiwarra biyyattii keessa jiraatan hundagara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatiiWaaqayyootti booʼaa.

15Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera.Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii;inni akkuma badiisaatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.

16Ijuma keenya durattinyaanni cite;ilillee fi gammachuunismana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?

17Sanyiin lafa keessattitortoree hafe.Mankuusni diigameera;gombisaan caccabeera;midhaan gogee hafeeraatii.

18Loon akkam marʼatu!Karri loonii sababii waan dheedu dhabeefasii fi achi joora;bushaayeenis dhiphataniiru.

19Yaa Waaqayyo ani sin waammadha;ibiddi lafa dheedaa barbadeesseearrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.

20Bineensonni bosonaa sitti gaggabu;lagni bishaanii gogeera;ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]