Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Joel 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The word of our Father that came to Joel son of Pethuel. Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
2 Hear this, you elders; listen, all who live in this land. Has anything like this happened in your days, or in the days of your ancestors? Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa; warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa. Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
3 Tell your children about it, and let your children tell their children, and their children the next generation. Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
4 What the cutting locust spared, the swarming locust ate; what the swarming locust spared, the hopping locust ate; and what the hopping locust spared, the destroying locust ate. Waan tuunni hawwaannisaa dhiise, hawwaannisni guddaan fixe; waan hawwaannisni guddaan dhiise, hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe; waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
5 Wake up, you drunkards, and weep; wail, all you wine drinkers, over the sweet wine, for it has been cut off from your lips. Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa! Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa; sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa; inni afaan keessan irraa butameeraatii.
6 "For a nation has invaded my land, mighty and beyond number; its teeth are the teeth of a lion, and it has the fangs of a lioness. Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko biyya koo weerareera; inni ilkaan leencaa, qarriffaa leenca dhalaa qaba.
7 It has devastated my vines and splintered my fig tree; it has stripped off their bark and cast it aside, leaving their branches bare and white." Inni muka wayinii koo onsee harbuu koos barbadeesseera. Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee dameelee isaanii duwwaa hambise.
8 Wail like a virgin dressed in mourning clothes for the husband of her youth. Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
9 The grain offering and the drink offering are cut off from the house of our Father; the priests, the ministers of our Father, mourn. Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqayyoo irraa citaniiru. Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan booʼaa jiru.
10 The field is devastated, the ground mourns; for the grain is destroyed, the new wine dries up, the oil fails. Lafti qotiisaa oneera; laftis gogeera; midhaan barbadaaʼeera; daadhiin wayinii haaraan dhumeera; zayitiinis dhabameera.
11 Be ashamed, you farmers; wail, you grape growers, over the wheat and the barley, for the harvest of the field has perished. Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa; warri wayinii dhaabbattan booʼaa; sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
12 The vine is dried up, and the fig tree withers; the pomegranate, the palm, and the apple—all the trees of the field are dried up. Surely joy has withered away from all people. Wayiniin gogeera; harbuunis coollageera; roomaaniin, meexxii fi hudhaan, mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru. Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa irraa badeera.
13 Put on mourning clothes and lament, you priests; wail, you ministers of the altar. Come, spend the night in mourning clothes, you ministers of my Father; for the grain offering and the drink offering are withheld from the house of your Father. Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa. Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa; kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.
14 Declare a fast; call a sacred assembly. Gather the elders and all who live in the land to the house of our Father, and cry out to our Father. Sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa. Maanguddootaa fi warra biyyattii keessa jiraatan hunda gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii Waaqayyootti booʼaa.
15 Alas for the day! For the day of our Father is near, and it will come like destruction from the Almighty. Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera. Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii; inni akkuma badiisaatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
16 Is not the food cut off right before our eyes—joy and gladness gone from the house of our Father? Ijuma keenya duratti nyaanni cite; ilillee fi gammachuunis mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?
17 The seeds shrivel in the parched ground; the storehouses are desolate, the granaries are torn down, for the grain has dried up. Sanyiin lafa keessatti tortoree hafe. Mankuusni diigameera; gombisaan caccabeera; midhaan gogee hafeeraatii.
18 How the animals groan! The herds of cattle wander in confusion because they have no pasture; even the flocks of sheep suffer. Loon akkam marʼatu! Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef asii fi achi joora; bushaayeenis dhiphataniiru.
19 To you, our Father, I call, for fire has devoured the pastures of the wilderness, and flame has burned all the trees of the field. Yaa Waaqayyo ani sin waammadha; ibiddi lafa dheedaa barbadeessee arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
20 Even the wild animals cry out to you, for the streams have dried up, and fire has devoured the pastures of the wilderness. Bineensonni bosonaa sitti gaggabu; lagni bishaanii gogeera; ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]