Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Isaiah 4 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

1Bara sana keessa dubartoonni torbanama tokkicha qabatanii,“Nu nyaatuma keenya nyaanna;uffata keenya uffanna;garuu maqaa keetiin haa waamamnu.Salphina keenya nurraa fageessi!” jedhuun.

Damee Waaqayyoo

2Bara sana keessa dameen Waaqayyoo bareedee ulfina qabaata; iji lafaas hambaa Israaʼeliif waan isaan ittiin boonanii fi ulfina taʼa. 3Warri Xiyoon keessatti hafan, warri Yerusaalem keessatti hambifaman, warri namoota Yerusaalem keessa jiraatan keessatti galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamanii ni waamamu. 4Gooftaan xurii dubartoota Xiyoon irraa dhiqa; inni Yerusaalem irraa hafuura murtiitii fi hafuura ibiddaatiin dhiiga ni qulqulleessa. 5Ergasiis Waaqayyo guutummaa Tulluu Xiyoonii fi warra achitti walitti qabaman hundaa irratti guyyaadhaan duumessa aaraa, halkaniin immoo ifa arraba ibiddaa ni uuma; ulfina sana hunda irra dunkaanatu jiraata. 6Innis hoʼa guyyaa irraa daʼoo fi gaaddisa, iddoo bubbee hamaa fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi iddoo itti dhokatan taʼa.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]