Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Amos 4 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Israaʼel Gara Waaqaatti Hin deebine

1Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan,yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitaniidhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettan dubbii kana dhagaʼaa.

2Waaqayyo Gooftaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera:“Yeroon isin itti hokkoodhaan,isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiinqabamu tokko dhugumaan ni dhufa.

3Isin tokko tokkoon qajeeltaniiqaawwa dallaatiin ni baatu;gara Harmoonittis ni darbatamtu”jedha Waaqayyo.

4“Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa;Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa.Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa;waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa harka tokko fidaa.

5Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa;aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas;yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii,ittiin boonaa”jedha Waaqayyo Gooftaan.

6“Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera;magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera;isin garuu gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.

7“Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafuttibokkaa isin irraa nan kute.Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergeekaan irraa immoo nan dhaabe.Lafti qonnaa tokko bokkaa argateekaan garuu homaa dhabee goge.

8Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore;garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne;taʼus isin gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.

9“Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fiwayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse.Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse;taʼus isin gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.

10“Ani akkuman biyya Gibxi godhe sanadhaʼicha isinitti nan erge.Ani fardeen isin boojitan wajjindargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe.Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute;isin garuu gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.

11“Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sanaisin keessaa nama tokko tokko garagalcheera.Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti;taʼus isin gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.

12“Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha;sababii ani akkana isin godhuufyaa Israaʼel Waaqa kee arguuf qophaaʼi.”

13Inni tulluuwwan tolcheebubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun,inni barii dukkaneesseeiddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun,maqaan isaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]