Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 8 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In those days, again a large crowd gathered with nothing to eat. Jesus called his disciples and said, Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee,
2 "I feel compassion for the crowd—they've been with me three days now and have nothing to eat. «Kolbaan tun guyyaa sadiin na woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin naya.
3 If I send them home hungry, they'll collapse on the way—some have come from far off." Isaan keessaa lafa fago'ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala'aa yoo jedhe, kara'atti hin gaggaban» jedhe.
4 And his disciples answered him, "How can anyone feed these people with bread here in the wilderness?" Barattooti isaa deebisanee, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen.
5 And he asked them, "How many loaves do you have?" They said, "Seven." Yesuus, «Daabboo xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafannaan, isaan, «Xaltaa torba» jedhaneen.
6 He told the crowd to sit on the ground, took the seven loaves, gave thanks, broke them, and gave them to his disciples to serve to the people; and they served the crowd. Inni gumiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane.
7 They also had a few small fish; after blessing them, he told the disciples to serve these to the people. Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime.
8 And they ate and were satisfied. And they took up seven baskets of the leftover pieces. Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hambaa hatte kollonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen,
9 About 4,000 people were there. And he sent them away. Not in this edition
10 Then immediately he got into the boat with his disciples and went to the district of Dalmanutha. barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe.
11 The Pharisees came and began debating with him, testing him by demanding a sign from heaven. Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane.
12 Sighing deeply in his spirit, he said, "Why does this generation demand a sign? Truly I tell you, no sign will be given to this generation." Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, «Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!» jedhe.
13 And he left them, got back into the boat, and went to the other side. Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu'e.
14 They'd forgotten to bring bread—only one loaf was with them in the boat. Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban.
15 And he warned them, "Watch out—beware of the yeast of the Pharisees and the yeast of Herod." Yesuus isaaniin, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha'a!» jedhee ifi eeggachiise.
16 And they began discussing with one another that they had no bread. Isaan wol woliin, «Inni waan nuuti sagalee hin qanneef akkana jedha» jedhanee dudubbatane.
17 Knowing this, Jesus asked, "Why discuss having no bread? Do you still not see or grasp? Are your hearts hardened? Yesuus yaada isaanii beekee, «Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu?
18 Having eyes, do you not see? Having ears, do you not hear? And do you not remember? Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu?
19 When I broke the five loaves for the 5,000, how many baskets full of fragments did you collect?" They said, "Twelve." Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Kudhanii lama» jedhanee deebisane.
20 "And when I broke the seven for the 4,000, how many basketfuls of broken pieces did you gather?" They said, "Seven." Yesuus itti aansee, «Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Torba» jedhaneen.
21 And he said to them, "Do you still not understand?" «Isin ammalle hin hubattanuu?» jedhee gaafate.
22 They came to Bethsaida, where people brought him a blind man and begged Jesus to touch the man. Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida'aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte.
23 He took the blind man's hand, led him out of the village, spit on his eyes, laid hands on him, and asked, "Do you see anything?" Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate.
24 He looked up and said, "I see people, but they look like trees, walking." Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu natti fakkaatan» jedhe.
25 Then Jesus put his hands on the man's eyes again; he looked intently, was restored, and saw everything distinctly. Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge.
26 And he sent him home, saying, "Do not even go into the village." Kanaan duuba Yesuus, «Olla'atti hin deebi'in» jedhee namicha gara mana isaa galche.
27 Jesus and his disciples went to the villages of Caesarea Philippi. On the way he asked them, "Who do people say I am?" Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qiisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate.
28 They told him, "John the Baptist; and others say Elijah; and others, one of the prophets." Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si'iin jedhan» jedhanee deebisaneef.
29 Then he asked them, "But who do you say I am?" Peter answered, "You are the Christ." Yesuus, «Isin hoo, eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoos» jedheen.
30 And he strictly warned them not to speak about him. Yesuus waan isaa eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan seere.
31 He began teaching them the Son of Man must suffer much, be rejected by the elders, chief priests, and scribes, be killed, and rise after three days. Yesuus, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee barattoota ifii barsiise.
32 He said this plainly. And Peter took him aside and began to rebuke him. Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina'atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge.
33 But turning, he looked at his disciples and rebuked Peter: "Get behind me, Satan! For you are not setting your mind on the things of our Father, but on the things of man." Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, «Seexana, na irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu» jedhee xixe.
34 He called the crowd and his disciples and said to them, "Whoever wants to come after me must deny himself, take up his cross, and follow me. Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle na hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, na hordofuu ti.
35 Whoever wants to save his life will lose it; whoever loses his life for my sake and the good news will save it. Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata.
36 What good does it do a person to gain the whole world and forfeit his soul? Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati?
37 For what can a person give in exchange for his soul? Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande'a?
38 For whoever is ashamed of me and my words in this adulterous, sinful generation—the Son of Man will be ashamed of them too when he comes in his Father's glory with the holy angels." Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]