Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 7 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The Pharisees and some of the scribes who had come from Jerusalem gathered around Jesus, Fariisaayotaa fi barsiisoti seera Muuse'ee ka Yerusaalemii dhufane gariin, Yesuus biratti wolitti qabamane.
2 and they saw that some of his disciples were eating bread with unclean hands—that is, unwashed. Barattooti Yesuusii gariin, akka seera isaaniititti, harka dhiqachu'uun adoo ifi hin qulleessin harka xuri'iitiin sagalee nyaatanuun dhaggane.
3 (For the Pharisees and all the Jews don't eat unless they wash their hands ceremonially, keeping the elders' tradition. Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maanguddoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu.
4 When they come from the market, they don't eat without washing. They also hold to many other traditions they've received—washing cups, pitchers, and copper vessels.). Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu. Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan.
5 Then the Pharisees and scribes asked him, "Why don't your disciples follow the elders' tradition, but eat bread with unclean hands?" Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, «Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?» jedhanee Yesuus gaafatane.
6 He replied, "Isaiah prophesied truly about you hypocrites, as written: 'These people honor me with their lips, but their heart is far from me.' Yesuus deebisee, «Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo.
7 'They worship me in vain, teaching as doctrines the commandments of men.' Aadaa namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, na waaqonfatuun isaanii gatii hin qabu› jedhee ka raage dhuga'a.
8 You abandon the commandment of our Father and hold to the tradition of men." «Isin ajaja Waaqaa ulfeessuu diddanee, aadaa namaa ulfeessitan» isaaniin jedhe.
9 He said to them, "You do a fine job setting aside our Father's commandment to keep your own tradition!" Yesuus itti aansee, «Aadaa teessan hordofiisaaf jettanee ajaja Waaqaa didu'uuf mala dansaa qaddan.
10 For Moses said, 'Honor your father and your mother,' and 'Whoever curses father or mother must be executed.' Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!›, ‹Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti› jedhee ajajeera.
11 "But you say: if anyone tells his father or mother, 'Whatever you'd have gained from me is Corban' (a gift devoted to our Father), Isin ammoo nami abba'aa fi haadha ifii gargaaru'uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te'eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe,
12 then you no longer let him do anything for his father or mother. duuba inni deebi'ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu.
13 So you cancel the word of our Father with your handed-down tradition. You do many things like this." Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu'uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.
14 He called the crowd again and said to them, "Listen to me, all of you, and understand: Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa'aatii hubadha'a!
15 Nothing outside a person entering him can make him unclean; rather, what comes out of a person is what makes him unclean." Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [
16 Not in this edition Gurra dhage'u nami qabu dhage'uu ti]» isaaniin jedhe.
17 When he had left the crowd and entered the house, his disciples asked him about the parable. Yennaa Yesuus gumii dhiisee gara manaa seene, barattooti isaa akka inni mammaassa kana hiiku isa gaafatane.
18 He said to them, "Are you also this dull? Don't you understand nothing entering a person from outside can make him unclean, Inni ammoo, «Isinille akkuma worra kaanii adoo hin hubatin jirtanii? Wonni alaa gara gadhaa namaa galu maraa nama batteessiisa akka hin dandeenne isin hin hubattanuu?
19 since it doesn't enter his heart but his stomach, and then goes out into the sewer?" (Saying this, he declared all foods clean.). Sagaleen gara qalbii namaa hin seentu; gara gadhaa namaa seentee nafa keessaa baati» isaaniin jedhe. Tana jechu'uun sagaleen martinuu nyaataaf qullittii akka teete beessise.
20 He said, "What comes out of a person—that makes him unclean. Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa.
21 For from within, out of the human heart, come evil thoughts—sexual sin, theft, murder, Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu,
22 adultery, greed, malice, deceit, sensuality, envy, slander, pride, and foolishness. gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u.
23 All these evils come from inside and make a person unclean." Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.
24 Jesus left there for the region of Tyre. He entered a house, wanting no one to know, but couldn't stay hidden. Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne.
25 Instead, a woman whose little daughter had an unclean spirit heard about him at once, came, and fell at his feet. Dubartiin takka, ta intalti isi'ii ayyaana hama'aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde.
26 The woman was Greek, Syrophoenician by birth. She kept asking him to drive the demon out of her daughter. Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiqee jedhantu ta biyya Sooriya'aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi'ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte.
27 He told her, "Let the children eat first, for it's not right to take their bread and toss it to the dogs." Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun dansa'aa moti» isi'iin jedhe.
28 But she replied to him, "Sir, even the dogs under the table eat the children's crumbs." Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle'ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen.
29 He said to her, "Because of this answer, go—the demon has left your daughter." Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi'iin jedhe.
30 And she went home and found the child lying on the bed, and the demon gone. Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi'ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite.
31 Then Jesus left the territory of Tyre, went through Sidon to the Sea of Galilee, into the region of the Decapolis. Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe.
32 They brought him a deaf man who could hardly speak, begging him to lay his hand on him. Jarri takka, namicha gurra duuda'aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte.
33 Jesus took him aside privately, away from the crowd, put his fingers in the man's ears, spit, and touched his tongue. Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe;
34 Then, looking up to heaven, he sighed deeply and said to him, "Ephphatha!" (that is, "Be opened!"). gara ol-gubba'aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u.
35 And immediately his ears were opened, his tongue was released, and he began to speak plainly. Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate.
36 Jesus ordered them to tell no one; but the more he ordered, the more they proclaimed it. Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane.
37 They were completely amazed: "He has done everything well—he makes the deaf hear and the mute speak." Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa'a! Worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]