Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 9 guj

Show guj only
Verse × ×
1 He said to them, "Truly I tell you: some standing here will not taste death before they see the kingdom of our Father come with power." Yesuus itti dabalee, «Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du'in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira» jedhe.
2 Six days later Jesus took Peter, James, and John, and led them up a high mountain alone, and he was transfigured before them. Yesuus guyyaa jaan duuba, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis fudhatee, ol gara gaara tokkoo qofitti baase. Achitti inni isaan duratti jijjiiramee,
3 His clothes became radiant, dazzling white—whiter than anyone on earth could bleach them. woyaan isaa eennulle nami lafa irraa ka woyaa borcu tokko dande'ee haga addeessuun caalaa adii calkii teete.
4 And Elijah appeared to them along with Moses, and they were talking with Jesus. Achiin duuba barattooti sadiin Eliyaasii fi Muuseen Yesuus woliin haasowanuun dhaggane.
5 Peter said to Jesus, "Rabbi, it's good that we're here. Let's make three shelters—one for you, one for Moses, and one for Elijah." Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Kowa'a gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedheen.
6 He did not know what to say, for they were terrified. Isaan akka malee waan sodaataneeranuuf, Pheexroos waan dubbateeyyuu hin beenne.
7 A cloud appeared and overshadowed them, and a voice came from the cloud: "This is my beloved Son. Listen to him!" Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage'aa!» jette.
8 Suddenly, when they looked around, they no longer saw anyone with them except Jesus. Yennuma san yennaa isaan adaala ifii ilaalanu Yesuus qofa ifi biratti dhaggane malee, nama dhibii eennulle hin dhaggine.
9 Coming down the mountain, he ordered them to tell no one what they'd seen until the Son of Man rose from the dead. Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan dhaggitane, nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii seere.
10 So they kept the matter to themselves, questioning what rising from the dead could mean. Isaan dubbii isaa fudhatane; ammoo, «Du'aa ka'iis kun maan inni?» jedhanee wol gagaafatane.
11 And they asked him, "Why do the scribes say that Elijah must come first?" Barattooti isaa, «Maaf barsiisoti seeraa, ‹Eliyaasitti dursee dhufa› jedhan?» jedhanee Yesuus gaafatane.
12 He said, "Elijah does come first and restores everything. Then why is it written the Son of Man must suffer much and be treated with contempt? Yesuus deebisee, «Akka waan mara miidhassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreeffante ho ree?
13 But I tell you, Elijah has come, and they did to him whatever they pleased, as it is written about him." Ani ammoo isinitti hima; Eliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffantetti, namooti waanuma fedhane isa tolchane» jedhe.
14 Coming to the other disciples, they saw a large crowd around the disciples, and scribes arguing with them. Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi'anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse'ee isaan woliin moromanuun dhaggane.
15 As soon as the whole crowd saw Jesus, they were astonished and ran to greet him. Gumiin sun yennaa Yesuus dhaggite, akka malee maadeffattee, gara isaa rukkittee nageya fuute.
16 He asked them, "What are you arguing about with the scribes?" Yesuus, «Wonni isin irratti wol morontanu maan inni?» jedhee isaan gaafate.
17 Someone in the crowd answered him, "Teacher, I brought my son to you; he has a spirit that won't let him speak. Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa'a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera.
18 Whenever it seizes him, it throws him down. He foams at the mouth, grinds his teeth, and stiffens. I asked your disciples to drive it out, but they couldn't." Yennaa durriisi itti ka'u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe.
19 He replied, "You unbelieving generation, how long must I stay with you? How long must I endure you? Bring him to me." Yesuus deebisee, «E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!» isaaniin jedhe.
20 They brought the boy to him. Seeing Jesus, the spirit instantly convulsed him; he fell to the ground, thrashing and foaming at the mouth. Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajassiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise.
21 Jesus asked the boy's father, "How long has this been happening to him?" "From childhood," he said. Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te'a?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aa deebisee, «Ijoolluma'aan jalqabee ti.
22 "It has often thrown him into fire and water to destroy him. But if you can do anything, pity us and help us." Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne'ee nu'uuf nayiitii nu gargaar» jedhe.
23 Jesus said to him, "'If you can'? Everything is possible for the one who believes." Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande'anti» jedhee deebise.
24 Immediately the boy's father cried, "I believe; help my unbelief!" Yennuma san abbaan muca'aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen.
25 Seeing a crowd running together, Jesus rebuked the unclean spirit: "Mute and deaf spirit, I command you—come out of him and never enter him again!" Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama'aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi'in» jedhee isa xixe.
26 Crying out and convulsing him hard, it came out. He looked like a corpse, so many said, "He's dead." Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, «Du'eera» jedhane.
27 But Jesus took him by the hand and raised him up, and he stood. Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka'ee dhaabbate.
28 When Jesus had gone indoors, his disciples asked him privately, "Why couldn't we drive it out?" Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, «Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?» jedhanee qofitti isa gaafatane.
29 He told them, "This kind can come out only by prayer." Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.
30 They left there and passed through Galilee. Jesus did not want anyone to know where they were, Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, «Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbaanne.
31 because he was teaching his disciples, telling them, "The Son of Man is being handed into human hands. They will kill him, and three days later he will rise." Not in this edition
32 But they did not understand what he meant, and they were afraid to ask him. Isaan ammoo wonna inni barsiise kana hin hubanne; isa gaafachu'uufille sodaatane.
33 They came to Capernaum. In the house he asked them, "What were you arguing about on the way?" Yesuusii fi barattooti isaa Qifirnaahoom dhaqanee, mana geyaneeranuun duubatti Yesuus, «Kara'atti wonni isin irratti wol morontane maan inni?» jedhee isaan gaafate.
34 But they were silent, since they had argued along the way about who was greatest. Isaan ammoo, «Nu keessaa ka caalu eennu laati?» jedhanee waan wol moromaneeranuuf cadhisane.
35 He sat down, called the Twelve, and told them, "Anyone who wants to be first must be last of all and servant of all." Yesuus tee'een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te'iisaaf barbaadu, gadee namaa te'ee, tajaajilaa nama maraa te'uu ti» jedhe.
36 He took a little child, stood him among them, took the child in his arms, and said to them: Achiin duuba Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee,
37 "Whoever accepts one of these little children in my name accepts me; whoever accepts me accepts not me but the one who sent me." «Eennulle ka daa'ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, na fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata malee na calla'aa moti» isaan jedhe.
38 John said to him, "Teacher, we saw someone driving out demons in your name and tried to stop him, since he doesn't follow us." Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisa'a, namicha tokko, ka maqaa keetiin durriisota baasu dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, nuuti ammoo isa dhooggine» jedheen.
39 But Jesus said, "Don't stop him—no one who does a miracle in my name can soon speak evil of me. Yesuus ammoo, «Nami maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammoo, dafee hantuu tiyya dubbatu waan hin jirreef, isa hin dhooggina'a.
40 For whoever is not against us is for us. Nami nu'uun hin mormine golii teenna.
41 Truly I tell you, whoever gives you a cup of water to drink because you belong to Christ will never lose his reward. Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto'oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba.
42 Whoever trips up one of these little ones who believe in me—better for him to have a large millstone hung around his neck and be thrown into the sea. «Eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaa mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaa woyya.
43 If your hand trips you up, cut it off. Better to enter life maimed than with two hands to go into hell, into the unquenchable fire. Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [
44 Not in this edition Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]
45 If your foot trips you up, cut it off. Better to enter life lame than be thrown into hell with two feet. Miilli keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; miila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [
46 Not in this edition Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]
47 If your eye trips you up, throw it out. Better to enter the kingdom of our Father with one eye than be thrown into hell with two, Ilti teeti akka cubbuu tolchituuf yoo si ataadde ifi keessaa baasi; ila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, ila takkattii callaa qabaattee mootummaa Waaqaa galuu si'iif woyya.
48 where 'their worm never dies and the fire never goes out.' Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.
49 For everyone will be salted with fire. Nami martinuu ibiddaan kurowa.
50 Salt is good, but if it loses its saltiness, how can you season it again? Keep salt among yourselves, and be at peace with each other." «Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree? «Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]