Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Mark 10 guj

Show guj only
Verse × ×
1 He left there for the region of Judea and beyond the Jordan; crowds gathered to him again, and as usual he taught them once more. Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise.
2 Some Pharisees came to test him, asking, "Is it lawful for a man to divorce his wife?" Worri Fariisaayotaa tokko tokko Yesuus dubbi'iin xaqariisaaf fedhanee, gara isaa dhufanee, «Nami tokko ibidda ifii baasuun seeraa?» jedhanee gaafatane.
3 He answered them, "What did Moses command you?" Yesuus deebisee, «Seerri Muuse'ee maan jedha?» isaaniin jedhe.
4 They said, "Moses permitted a man to write a certificate of divorce and send her away." Isaan deebisanee, «Muuseen ‹Nami tokko woraqata lakkeessaa barreessee akka lakkisuuf eeyyameera› » jedhane.
5 Jesus told them, "He wrote you this command because your hearts were hard. Yesuus deebisee, «Muuseen sababa mataa jabeenna keessaniitiif seera kana isinii barreesse.
6 But from the beginning of creation, our Father made them male and female. Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;›
7 'For this reason a man will leave his father and mother and be joined to his wife, ‹Waan kanaaf nami tokko abba'aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan.
8 and the two will become one flesh.' So they are no longer two, but one flesh. Isaan lachuu tokko te'an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti.
9 Therefore what our Father has joined together, let no one separate." Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.
10 Back in the house, the disciples asked him about this again. Yennaa deebi'anee galane, manatti barattooti isaa dubbii tana isa gaafatane.
11 He said to them, "Whoever divorces his wife and marries another commits adultery against her, Inni deebisee, «Eennulle ka ibidda ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu, ibidda ifii dassee gaarayyeeffata.
12 and if she divorces her husband and marries another, she commits adultery." Akkasuma dubartiin abbaa manaa ifii jalaa baatee, nama dhibii heerumtu takka hin gaarayyeeffatti» isaaniin jedhe.
13 People were bringing children to him so that he might touch them, but the disciples rebuked them. Namooti gariin akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti ammoo isaan dheekkamane.
14 When Jesus saw this, he grew angry and said, "Let the children come to me; don't stop them, for the kingdom of our Father belongs to such as these. Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a!
15 Truly I tell you, whoever doesn't receive our Father's kingdom like a child will never enter it." Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu» jedhe.
16 And he took them in his arms and blessed them, laying his hands on them. Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise.
17 As he started down the road, a man ran up, knelt before him, and asked, "Good Teacher, what must I do to inherit eternal life?" Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, «Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?» jedhee gaafate.
18 Jesus asked, "Why call me good? No one is good except our Father alone. Yesuus deebisee, «Maaf barsiisaa dansa'a naan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru.
19 You know the commandments: 'don't murder, commit adultery, steal, or give false testimony; don't defraud; honor your father and mother.'" Ati seera ‹Hin ijjeesin, hin gaarayyeeffatin, hin hatin, dharaan nama irratti dhugaa hin bayin, hin sobin, abbaa keetii fi haadha teetiif ulfinna kenni› jedhu hin beetta» jedheen.
20 He said to him, "Teacher, all these I have kept since my youth." Namichi deebisee, «Barsiisa'a! Ani seera kana mara ijoollumma'aanuu jalqabee eegadheera» jedheen.
21 Jesus looked at him and loved him. "One thing you lack: go, sell everything you own, give to the poor—you'll have treasure in heaven—then come follow me." Yesuus isa hubatee ilaalee jaalatee, «Waan tokko calla'atti si irraa dhidhate. Dhaqii, waan qaddu gurguriitii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, ol-gubba'atti hin duroontaa; achiin duuba koyiitii na hordofi!» jedheen.
22 At this word his face fell, and he went away grieving, for he had many possessions. Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme.
23 Jesus looked around and told his disciples, "How hard it will be for the wealthy to enter the kingdom of our Father!" Yesuus adaala ifii ilaalee barattoota ifiitiin, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam rakkisa'a!» jedhe.
24 The disciples were amazed at his words. Jesus said to them again, "Children, how hard it is to enter the kingdom of our Father! Barattooti dubbii tana rifatane. Yesuus ammoo ammalle, «Ijoollee tiyya mootummaa Waaqaatitti galiisi attam attam rakko'o!
25 A camel goes through a needle's eye easier than a rich person enters our Father's kingdom." Nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti kaso'oo» isaaniin jedhe.
26 They were even more astonished and said to one another, "Then who can be saved?" Barattooti Yesuusii akka malee dubbii tana baaseffatanee, «Yoona eennutti fayyuu dande'a ree?» jedhanee wol gagaafatane.
27 Jesus looked at them and said, "With man, impossible; but not with our Father, for all things are possible with our Father." Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande'antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande'anti» jedhe.
28 Peter began to say to him, "Look, we have left everything and followed you." Jennaan Pheexroos, «Kunoo, nuuti waan maraa lakkinnee si hordonneerra» jedheen.
29 Jesus said, "Truly I tell you, no one has left house or brothers or sisters or mother or father or children or fields for my sake and for the gospel, Yesuus deebisee, «Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise,
30 "who won't receive a hundredfold now, in this time—houses, brothers, sisters, mothers, children, fields, with persecutions—and in the age to come, eternal life. lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle'ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle'etti jiruu bara baraa hin qabaata.
31 But many who are first will be last, and the last first." Ammoo worri hedduun amma dura jiranu, worra duubaa hin te'an; worri hedduun amma duuba jiranu worra duraa hin te'an» jedhe.
32 On the road up to Jerusalem, Jesus walked ahead of them. They were amazed, and those following were afraid. Taking the twelve aside again, he began telling them what was about to happen to him: Yesuusii fi barattooti isaa Yerusaalem dhaqiisaaf kara'atti bayanee ol qabatanuun, Yesuus isaaniin dura ideemuun, barattooti maadeffatanee, worri duubaan hordofiisatti jirulle sodaatane. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammalle maddi'itti baasee, waan isatti dhufu'uuf jiru isaanitti hime.
33 "Look, we're going up to Jerusalem. The Son of Man will be handed over to the chief priests and scribes, who will condemn him to death and hand him over to the Gentiles. Inni isaaniin «Kunoo, gara Yerusaalemii ol bayaarra; Ilmi Namaa harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan du'a itti muranee, worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan;
34 They will mock him, spit on him, flog him, and kill him; after three days he will rise." isaan isa hin ceeggatan, itti hin tufan, dhaananee hin ijjeesan; ammoo guyyaa sadiin duuba du'aa hin ka'a» jedhe.
35 James and John, Zebedee's sons, came to him and said, "Teacher, we want you to do for us whatever we ask." Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanee, «Barsiisa'a! Nuuti akka ati nuuf tolchituuf waan barbaannutti jira» jedhaneen.
36 He said to them, "What do you want me to do for you?" Yesuus, «Akka ani isinii tolchuuf wonni isin barbaaddanu maan isiin?» isaaniin jedhe.
37 They said to him, "Let us sit in your glory, one at your right, one at your left." Isaan deebisanee, «Yennaa barcumaa keeti ka mootummaa ulfinnaa irra teette, tokko midda keetitti, tokko bitaa keetitti akka teennu barbaanna» jedhaneen.
38 Jesus said to them, "You don't know what you're asking. Can you drink the cup I drink, or be baptized with the baptism I'm baptized with?" Yesuus ammoo, «Isin waan gaafattanu hin beettanu! Muduunuu rakko'oo ta ani itti unutti unuu hin dandeettanii? Akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.
39 "We can," they said. Jesus said to them, "The cup I drink, you will drink; the baptism I'm baptized with, you will be baptized with, Isaan, «Hin dandeenna» jedhaneen. Yesuus, «Isin dhugumaan muduunuu ani itti unutti unuu hin dandeettan, akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan.
40 but sitting at my right or left isn't mine to give - that's for those it's prepared for." Middaa fi bitaa kiyyatti filee ka teessisu ammoo anaa moti; addee tana worra qophootteertuuf ka kennu Waaqa» isaaniin jedhe.
41 Hearing this, the ten grew indignant at James and John. Barattooti kudhan hafane kuun yennaa waan kana dhage'ane, Yaaqoobii fi Yohaannisitti aarane.
42 Jesus called them together and said, "You know that those regarded as rulers of the Gentiles dominate them, and their great ones wield power over them. Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Mootoleen worra Yihudoota hin te'inii, worra mowanu hunnaan akka mowanu, bulchooti isaaniille baallii guutu'uun akka bulchanu isinuu hin beettan.
43 But it isn't so among you. Instead, whoever wants to be great among you must be your servant, Isin oddu'utti ammoo akkas hin te'u; eennulle isin keessaa nama guddaa te'iisaaf ka barbaadu, tajaajilaa keessan te'uu ti.
44 and whoever wants to be first among you must be slave of all. Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti.
45 For even the Son of Man came not to be served, but to serve, and to give his life as a ransom for many." Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.
46 They came to Jericho. As Jesus and his disciples were leaving with a large crowd, blind Bartimaeus son of Timaeus sat begging by the road. Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera.
47 Hearing it was Jesus of Nazareth, he began to cry out, "Jesus, Son of David, have mercy on me!" Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te'e yennaa dhage'e, «Yesuus! Ilma Daawitii naaf nayi!» jedhee iyye.
48 Many scolded him to be silent, but he shouted even louder, "Son of David, have mercy on me!" Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye.
49 Jesus stopped and said, "Call him." So they called the blind man: "Courage! Get up—he's calling you." Yesuus dhaabbatee, «Isa as waama'a!» jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, «Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka'i!» jedhaneen.
50 Throwing off his cloak, he jumped up and came to Jesus. Maarre inni geelaa ifi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe.
51 Jesus told him, "What do you want me to do for you?" The blind man told him, "Rabboni, let me see again." Yesuus, «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, «Barsiisa'a! Ani dhaggiisaaf barbaada» jedheen.
52 Jesus told him, "Go; your faith has healed you." At once he regained his sight and followed Jesus on the road. Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]